(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 18,2009) Walgahii Kora ABO Kutaa UK Onkololeessa 17, 2009 Magaalaa Londontti geggeeffame irratti miseensotni ABO Konyaa London, Konyaa Yorkshire fi Konyaa Brighton akkasummas deggartootni London fi naannoo UK kaan irraa argamaniiru.
Walgahiin kana kan banane Miseensa GS ABO adde Liidiyaa Namarraa yammuu ta’an dura taa’aan Koree ABO Kutaa UK Obbo Barsiisaa Guutaamaa keessummootaaf simannaa godhanii kaayyoo Kora kanaa ibsuudhaan walgahiin eegalame.

Bu’uuri Marii kana dhimma QBO irratti mariihachuu fi barnoota barbbachisaa ta’an mata duree adda addaa kennuu ture.
Akkuma kanaan jalqaba Adde Liidiyaa Namarraa mata duree ‘Maalummaa Jaarmiyaan siyaasaa’ jedhu irratti barnoota kan kennan yeroo ta’u kana keessatti namoota walitti dhufeenya ilaalchaa fi rakkoo wal fakkaatu hiikuuf waada waliif galaniin kan ijaaramu ta’uu isaa ibsan. Ciminni ykn laafinni Jaarmayaa tokkoo kan murtaawus murannoo fi hubannaa miseensotaa tiin akka ta’e ibsanii jiru. Kana irraa ka’uudhaan ABOn qabsoo Oromoo faffaca’aa turan haala qindaawaa ta’een kan eegale akka ta’e hubachiisan. Qabsoon ABO dhaan qabsiifame kun ammaa kan Oromoo hunda bira gayee deeggarsaa fi jaalala argachuu irra darbee lammiin Oromoodhaa hedduun kaayyoo ABO kana ofitti fudhatee tiksuu fi wareegama gurguddaa itti kafalaa jiru ta’uu ibsaniiru. Kanaafuu qabsoon kun hanga fedhe hadhaawaa ta’ullee galma isaatti deemuu irraa kan hin dhaabbatne ta’uun isaa mul’achuu akka eegale ibsuudhaan. Ummatni , deeggartootni fi miseensotni ABO hundi waan har’a barbaadnu qofaa ilaallee utuu abdii hin kutatiin eessa irraa kaanee eessa akka geenye hubachuudhaan ciminaa, wal qabannee gara bilisummaatti socho’uun murteessaadha jedhaniiru.

Itti dabalees Hayyuun Oromoo tokko Gosootni Oromoo fi qubannaan isaanii barnoota qorannoo irratti hundaawe kennaniiru. Kana keessatti ummatni Oromoo fuudhaa fi heerumaan walitti deemuudhaan, yaroo lolli olla irraa itti ka’u fi yaroo rakkoo adda addaa waliif dirmachuudhaan, wal keessa deemee qubachuu fi akka firaatti wal simachuudhaan seenaa guddaa akka qabu utuu beekamee jira. Utuu Kana ta’ee jiruu dabtarootni Habashaa maqaa seenaa barreessuutiin Oromoon abba biyyaa akka hin taane amansiisuuf carraaqaa turanii fi ammaas itti jiran hundee dhabee qullaa isaa kan dhaabatu kijiba ta’uun isaa ibsaniiru. Hunda caalaa gosa Oromoo isa bareedina Oromummaa fi ibsaa Oromummmaaf mallattoo ta’e diinni Oromoo ittiin qoqqooduu fi tokkummaa isaa ittiin diiguuf waggoota dheeraaf sochii wal irraa hin citne gochaa akka ture, ammas gochaan akkanaa ijoollee habashatiinn itti fufee akka jiru ibsaniiru. Oromootni biyya keessaa fi alatti argamnu kana irratti dammaqnee shira diinaa of irraa qolachuu fi meeshaa diinaa akka hin taane of eeguun murteessaa akka ta’e hubachiisaniiru.

Itti aansuun Obbo Leencoo Abbaagaroo Sabbonummaa fi Naamusa Jaarmayaa Siyaasaa irratti barnoota kennaniiru. Kana keessatti mallattoo ummatichaa kan ummata kaan irraa adda isa baasan fi kan tokko isa taasisu kanneen akka aadaa, qooqaa, qubsuma fi kkf irraa akka maddu ibsaniiru. Ummaticha tokkummaa isaa bittinsanii garboomsuuf sochiin halagaan akka gaggeessaa jiru fi dhaloota habashaatiin daddarbaa kan dhufe, bal’inaa kan qabu ammas wal irraa citaa akka hin jirre fakkeenya adda addaa caqasuudhaan ibsaniiru. Hunda caalaa cunqursaan ummata Oromoo irra gayaa jiru hanga hammaatetti waayeen mirga hiree murteeffannaa Oromoo akka TPLF yaaddutti ijaarsa basaasaa kan akka gooxii fi gareetiin hidhamee hafu akka hin taane; seera malee saamamuun, hidhamuu fi ajjeefamunn lammii Oromoodhaa hanga baay’achaa dhufu, lammiin Oromoo qe’ee isaa irraa buqqa’uu fi ariiyatamuu akkasumas mirga bu’uuraa akka namaatti gonfatee jiru irraa mulquun hanga itti fufetti qabsoo fi sabboonummaan Oromummaa caalaatti finiinaa akka dhufe fakkeenya adda addaa dhiheessuun ibsaniiru.

Xumura irratti Obbo Barsiisaa Guutamaa haala yeroo ammaa qabsoon ummata Oromoo ABO tiin hogganamu maal kaayyeeffatee akka jiruu, Heera fi Kaayyoo ABO caqasuutiin ibsa bal’aa godhaniiru. Ibsa kana keessatti ABOn hanga ummatni Oromoo hiree isaa karaa bilisa ta’een murteeffatutti kan itti fufu, ABOn harqoota gabrummaa Oromoo irraa cabuu isaa mirkaneessuuf sochii eegale hanga xumuraatti gaggeessuuf kan socho’u akka ta’e. ibsaniiru. Rakkoowwan mooraa qabsoo keessatti uumaman furmaata itti gochuuf Hayyu Dureen ABO, Obbo Daawud Ibsaa, Mataa Damee Dantaa Alaa Obbo Tamaan Yousuuf , akkasumas hogganootni ABO kaan Awurooppaa fi Ameerikaa keessa sosso’uudhaan haala qabsoon Oromoon jabaatee ittu fufuu dandahuu fi waldhibdee jaarmayoota Oromoo adda addaa gidduu jiru furmaata argatee gam tokkotti deebi’uun akka dandayamu waan itti jiran ta’uu fiuuldurattis ABO carraaqqiin kana akka itti fufu ta’uu isaa hubachiisaniiru.

Miseensotnii fi deeggartootni ABO walgayicha irratti argamanis yaada adda addaa dhiyeessanii mariin ho’aan kan taasifame yommu ta’u, Oromootni hundi keenya tokkoomnee qabsoo bilisummaaf gumaachi goonu yoomiyyuu caalaa finiinee itti fufuu akka waadaa galan haaromsuun hojii caalaaf of qopheessuu akka qaban ibsanii jiru.Walgayii kana irratti sochii qabatamaa Magaalawwaan UK adda addaa keessatti gaggeeffama jiru fi kan akka fakkeenyaatti tuqamuu malu dhiyeessaniiru. Marii kana irratti miseensotnii fi deggartootni Oromootaa Magaalaa Braayton jiraatan Oromummaa isaanii tiksuu bira darbanii Bulchiinsa magaalichaa biratti Oromummaa fi Habashummaan garaagara ta’uun isaa beeksisuudhaan walitti dhuffenyi bulchinisa magaalichaa fi jiraataan Oromoodhaa akka sirreeffamu gochuuf hojii boonsaa akka raawwatan beekuun dandayameera. Walgahiin kun qabxii kanneen ibsaman kana fi kkf irratti marii bal’oo erga gaggeessee booda sirna gaariidhaan raawwateera.

.
Onkololeessa 17, 2009
London
|