Walgahii Maree fi Gumaachaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO durfamuu konyaa sadaan ( Konyaa Oromiyaa, Minnesotaa fi WBO) Minnesota keessatti argamaaniin Waxabajjii 20, 2009 qopha`ee milkii fi injifatnoon xumuramee jira. Waligahii kun yaadannoo gotootaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof wareegaman, faaruu alaabaa fi eeba manguddootaan eegalame. Baga nagaan dhuftanii fi ibsa haala yeroo Barreessaa Koree Qunnamtii Konyaalee Sadaan J/Badhaasaa Tarrafaa eega kennamee booda bilbilaan HD ABO J/ Dawuud Ibsaa walgahii guyyaa kana hawaasa irratti argamaan nagaa gaafachuun bobba`aaf akka naannoo USA jiranii fi bali`naan akka hawaasa Oromoo Minnesota qamaan arganii yeroo dhiyootti mare bal`laa godhuuf deemaan ibsuun walgahii kana banan.
Maree qopha`ee kana irratti kan keessumaa ta`aanii nu argaman Hayyuu Oromoo Dr. Mohamed Hassan, Professor University Georgia dha. Isaanis mata duree “Qabsoon Bilisummaa Oromoo ABOn dursamuu eessa irraa gara kamittii?” kan jedhu irratti hawaasa Oromoo Magaalaa Lakkuu fi naanno isaatti argaman 300 olii ta`aaniif barnoota bal`laa kennanii jiru. Barnoota isaanii keessatti hawaasni Oromoo biyyaa alaa ilaalcha siyaasaa adda addaa yoo qabatatee illee walitti dhufeenya isaa akka hiriyaa fi Oromootti qabu akka jabeefatuu, motummaan cunqursaa duranii fi kan ammaWayyaaneen ABO balleessuf yaaltu illee sababa inni ummataa isaa Oromoo qabuuf akka hin milkooffnnee, nami dhaaba isaa ABO bira dhabatu kaayyoo isaaf malee nama keessa jiru ilaalee ta`uu akka hin qabnnee , dhaabii keenya ABO immoo haalaa fi yeroo ilaalee of foyyeessuun hojjachuu akka qabuu, hawaasin biyyaa alaa immoo ijaaramuun qabeenyaa fi dandeetiin akka dhaaba isaa ABO bira dhabatuu fi k.k.f kan jedhu yaada dabarsanii turan. Ibsaa kana irratti gaaffii fi marii bal`laan deemsiifamee jira. Barnootaa fi yaada isaan dhiyeessan hawaasa achitti argaman akka isaan waada isaanii haroomsanii dhaaba isaanii ABO fi warana isaanii WBO bira dhabatan daran kakkasee ture. Haala kanaan miseensoota, caayalee ABO (Caayaa Irkoo WBO, Caayaa Utubaa ABO fi Caayaa Bokkuu) fi hawaasi achitti argamaan gumaacha dhaaba isaanii ABOdhaaf guyyuma kana Dolaaraa Kuma Soddomaa olii gumaacha godhanii jiru.
Sagantaa Gumaataa booda sagantaa irbaataa dubartoota fi shamaraan Oromoon qopha`ee irratti nyaati Oromoo dhiyateen kessumooti keessumeefaaman booda mareen kutaa lamaffaa itti fufuun yaadii gaabisaa fi hamileen gutamee Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO hogganamuu mana keessa gumaachamee jira. Gaafii mana keessa ka`eef illee Hayyuun Oromoo Dr. Mohamed Hassan deebii fi ibsa ballaa kennanii jiru. Walgahiin kun sa`aa 3:00 w.b eegalee sa`aa 8:00 w.b milikii fi injifatnoon xumuramee jira
Koree Qindeessituu.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!!!