(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 27,2009) Odeessi naannocha irraa nu dhaqabe akka ibsutti, mootummaan wayyaanee akkuma amala isaa Ona Meettaa naannoo Sarkamaa fi Erer Gootaa jedhamutti Ilmaan Oromoo fi Somaalee gosa Iissaa walitti buusuun dhiiga wal dhangalaasisaa akka jiru beekameera.
Ummati naanoo jiraatu dabballoota OPDO walitti bu’iinsa kana dhalchan lama irratti dammaquun batalumatti akka tarkaanfii ajjechaa irratti fudhatame beekuun danda’ameera.
Ergamtoon diinaa ajjeefaman itti gaafatamaa milishaa kan ta'e nama Abraahim jedhamuu fi bulchaan araddaa Qanxaraas akka ta’e barameera.
Imaammata qoqqoodanii bituu kan hordofu mootummaan wayyaanee ummatoota yeroo dheeraaf nagaan waliin jiraataa turan yeroo addaa addaatti walitti buusuun balaa ulfaataa qaqabsiisaaa akka jiru beekamaadha.
MOA