Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Hawaasi Oromoo Ugnada Jiraatu Ayyaana Irreessaa Sirna howwaan kafajate


Ireecha Hawwaasa Oromoo Ugandaa bara 2009, Gabaasa guutuu MOA Uganda irra

Oromoon saba waaqa sodaatuufi waaqaan buludha. Waggaatti naqa lama waaqa kadhata, waaqa galateeffata. Tokko akka bonni dhumatee osoo gannatti hinseenne jileeffata. Yaroo kana tulluutti bahee fulaa calleensa, magra lalisaafi mul’ataa tahetti waaqa bona oongee maasiifi maatii, namaafi karra – nagaan keessa hulluuqsise galateeffata. Ganna bacaqiifi dukkana itti seenuu jiruttilleen akkanuma akka nagaan qotee facaafatee, horee tikfatu kadhata. Lammaffaan ammoo wayita booqa birrattii ce’hu waaqa galateefata, kadhata. Waaqa ganna dukkana, bubbeefi jandoo hamaa keessa nagaan qabeenyaafi namasaa lufsiiseef waaqa galateeffatta. Birraa barii hormaata namaafi ooyruu, bonni akka hidheeranne kadhata. Yaroo kun addattilleen galagaltoo waggaa tahuutti hubata Oromoon. Bara kan keessa as gahe dulloomse, kabirootti ce’huusa waliin jileeffata. Dabalatatti ammoo guyyuma kana ayyaanni Gubaa, Hammachiisaa (Hurursaa) fi Okolee niraawwataman. Guyyaa galateeffannaafi kadhannaa kana Irreecha jechuun beeka sabichi. Akka bali’inaafi diriiriinsa lafa Oromoorraan kan ka’e haalli itti jileeffatan haga xiqqaa adda tahuu nimala. Tahulleen bu’uurri ayyaanichaafi akeekni isaa tokkicha; Waaqa Kadhachuufi Galateeffachuuti.

Uganda IrreechaBishaan madda lubbuufi madda jireenyaati. Malkaan bakka biqilaafi hormaataa waan ta’eef akka mallattoo jireenyaafi hormaataatti ilaalama. Magri lalisaan ykn dotiin (Green) mallattoo qulqullinaati xurii ayyaanni waaqa balfu irra hinjiru jedhee aman Waaeffannaan. Akk Waaqeffannaatti, bishaan malee waanti qulqullaa’uufi jiraatu hinjiru; waanumti bishaan malee horu ykn jiraatu hinjiru; amantummaan tokko iyyuu kan bishaan jibbu hinjiru; kan bishaan malee qulqullaa`u hinjiru; waanti bishaan malee jiraatus hinjiru; waan tokkollee bishaan malee jiraachisuun hindanda’amu; bishaan mallattoo lubbuuti; mallattoo hormaataati. Kanaafuu, ayyaanaafi jilti Oromoo hedduun naannawaa bishaanitti kabajama; bishaaniinis sirni isaa guutuu ta’a.

Oromoonni biyya Ugandaa jiraatan gariin onkoloolessa 4, 2009 Irreecha haala bareedaan jileefatan oolan. Oromooti jila kanarraan quuda fudhatan huccuu aadaafi ayyaanaa naqachuun malkaa haroo Kabaka (Lake Kabaka) jedhamu magaalaa kampla keessatti argamu dhaquun ayyaanefatani oolan.

Biyya kanatti Irreechi jileefachuun isa calqabaati. Tahulleen akka eegameen olitti qajeele ooleera. Jamaahimaan (massmedia) gurguddoo keessa tokko NTV (Nation Televetion) haguuggii tamsaa kenneera. Akkuma kanaa guyyaa jila kanaa galgala yaroo lama tamsaa yaroo gaarii (premium time) keessatti dabarsee jira.

Irreecha sababeeffachuun hawwaasi Oromoo ugandaa galgalasaa sirna Baallii (Aangoo walharkaa fuudha) qopheeffatee ture. Akka heerafi seera hawwaasichaatti hogganni hawwaasa Oromoo biyya Ugandaa gadaan oggansasaa waggaa lamatti cita.

Galgala Irreecha san Oromooti lakkoobsaan hedduu tahan akkasumas keessummoonni kabajaa; Durateessuun InterAID Uganda, bakka bu’aan Refugee Law Project Ugandafi bakka buutonni Protection Officers argamanitti hogganni hawwaasa Oromoo gadaa dabree bokkuu hoggana hawwaasa Oromoo harkaa fuudhetti sirnaafi eebbaan dabarsee jira.

Keessummoonni kabajaa argaman sirna akkanaa san ajaa’ibsiifachuun ofdura hawwaasicha waliin gama kamiinuu hojjechuuf qophiifi dirqama saanii akka tahe ifatti jamaaf labsaniiru. Hawwaasichi sirna ijaaraafi qindaawaa akkana kana jajjabeessamu akka qabu tuquun Oromoonni akka baqataatti jireenya isaas tahe rakkoo biroo qabu mo’achuu akkanan ijaaramuun murteessa tahuu hubachiisaniiru.

Hogganni haaressi hawwaasicha bokkuu itti kenname kana kabajee, imaanaa hawwaasichaa dhibaa’ina tokko malee hojiitti hiikuuf waada seeneera.

Akka kanaan sirni eebbaan saaqame eebbaan xumurame.

Waaqni sineebbisinna!

Hawwaasa Oromoo Ugandaa (HOU)

Koree Hoji Raawwachiiftu

Onkoloolessa 8, 2009

 

 

 

I.U.Of!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net