(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 13,2009)H/Dn ABO J/Daawud Ibsaa kana kan ibsan dhimmoota gara garaa irratti gaaffii fi deebii Onkoloolessa 13,2009 Kibxata kaleessaa SBO waliin taasisan keessatti.
Rakkinoota jiran osoo hin xiqqeessin ykn hin tuffatin furuuf hojjechuun kaayyoo ABO ta’uu kan ibsan J/Daawud Ibsaa, dhibdee jiru furuuf sochii godhamu kan danqu karaa ABOn waan tokko illee akka hin jirre mirkaneessaniiru. Dantaa ummata keenyaa fi QBOf warri kaanis dursa kennuufiidhaan ejjennaa ABOn qabatee socho’u akka hordofan hubachiisan.
Bobbaa qabsoo biyyoota Awurooppaa fi Amerikaatti adeemsisaa turan akkasumas walgahiilee miseensotaa fi ummataa taasifaman irraas milkii fi injifannooleen gara garaa akka argamanis H/Dn ABO J/Daawud Ibsaa ifa godhaniiru.
Gargaarsi mootummootni fi jaarmotni alaa mootummaa wayyaaneef godhaa jiran biyyattii keessatti adeemsa sirna dimokraasii kan ajjeese, mirga ummatootaa kan sarbe, ummatoota gaaffii mirgaa kaasan hidhaatti kan guursisaa jiruu fi mootummichi deggersa godhamuuf kanaan akka of jabeessu kan taasise waan ta’eef, gargaarsi godhamuuf akka irraa dhaabbatu warra gargaarsa godhaniif gaafachuu fi marii bal’aas waliin adeemsisuu isaanii J/Daawud ifa godhaniiru.
|