(Madda Oduu ABO/Fulbaana 25,2009) Oduun Godina Bahaa irraa nu dhaqqabe akka hubachiisutti mootummaan wayyaanee tarkaanfii WBOn Godina Bahaa isa irratti fudhachaa jirutti aaruu irraa guutummaa Harargee Bahaa fi Dhihaa keessatti duula sakattaa bal’aa geggeessaa jira.
Waraanni wayyaanee ummatatti bobba’ee hiraarsaa jiru namoota nagaa hojjetatee jiraatuun WBO deggertu, nyaachiftu, isintu nu rukuchiisaa jira maqaa jedhuun jimlaan qabee hidhaatti naquun gidirsaa jira.
Keessumaa Harargee Dhihaa Ona Daaroo Labuu bakkoota baatii darbe keessa tarkaanfileen loltoota wayyaanee irratti fudhatamaa ture keessaa ummatni nagaan guuramee hidhaatti darbamaa jira. Haaluma kanaan naannoo Daaroo Labuu keessaa namootni 35 ol, akkasumas naannoo Kurfaa Roqaa irraa namootni 75 ol ta’an akka hidhaman maddeen keenya mirkaneessaniiru.
Ilmaan Oromoo Abdulqaadir, Jaafar, Ahmed, Abdallaa, Huseen, Gurraacha Sheekaa, Mo’eed Saanii, Jamaal Xiqqaa, Adam, Mo’eed, Ahmed Abdoo, Mo’eed Harqaa maatii isaa waliin, Gadaa Muktaar, Ahmed Tamaam fi Sheek Mo’eed Abduljaliil kanneen jedhaman warra hidhame keessatti argamu.
Obbo Gadaa Muktaar hidhamuu isaaniitti dabalee akka malee kan dhaanaman oggaa ta’u, yeroo ammaa ammoo eessa akka buufaman wallalamee jira.
Kana malees loltootni wayyaanee Sheek Mo’eed Abduljaliiliin reeffa loltoota keenyaa irratti salaatuu didde ittiin jechuun akka malee dhaanuunis barameera.
I.U.Of!! |