Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Tarkaanfii gootichi WBO loltoota Wayyaanee irratti fudhataa jiru kan isa baargse giti TPLF duula sakatta’aa bal’aan Godina Harargee Lixaa goolaa jira.

(Madda Oduu ABO, Hagayya 12,2009) Odeessi Baha Oromiyaa irraa nu gahe akka mirkaneessutti sochii WBO dura dhaabbatuu abjuu je’uun sirni wayyaanee milishoota isaa naannichatti bobbaasuun duula sakatta’aa bal’aan ummata gooluu irratti argama.

Duullis sakatta’aa kun Onoota akka Daaroo Labuu fi Bookee keessatti bal’inaan adeemisfamaa jira.

WBO duula abdii kutannaa diinni godhaa jiru dura gootummaan dhaabatee akka  fashalsu qaamni dhimmi ilaalu dhaamsa dabarseefii jira.

Gama biroonis WBOf deeggarsa laattan maqaa je’uun namoota nagaa hidhatti guuraa jira.

Kanneen hidhaman keessaa bulchaa Araddaa Billiqaa kan tahe Kamaal Aadam fi ganda Tayfee je’u keessaa ammoo manguddoon Baysaa je’aman  muraasa tahuun beekameera.

********

Baha Oromiyaa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dararaan sirna wayyaaneen ilmaan Oromoo irratti adeemsifamu cimee itti fufe.

(Madda Oduu ABO, Hagayya 12,2009) Mootummaan gabroomsaa wayyaanee magaalaa Dirree Dhawaa keessatti maqaa ABO deeggartu je’uun ilmaan Oromoo ukkaamsee hidhuu fi tumee miidhaa qaama fi qalbii irraan gahaa jira.

Haaluma kanaan ilmaan Oromoo sadii Obbo Shaam Mohammad, ObboTaajuu Abdallaa fi Oromitichi yeroof maqaan isaa hin baramin tokko dhiheenya kana Dirree Dhawaa ganda Garaadaa keessaa humnoota wayyaaneen fuudhamanii miidhan cimaan akka arratti raawwatame odeessa nu gahe irraa hubachuun dandahamee jira.

Goolessitoonni wayyaanee namoota kana irratti yakka raawwatan kanneen erga namoonni miidhaa irra gaheen if wallaalan booda nama 2 Taajuu Abdallaa fi kan maqaan isaa yeroof hin baramin  naannoo Qabrii Amaaraa je’amtutti akka gatan odeessi kun dabalee addeessa.

Gama biroon basaasni wayyaanee Mohammad Aliyyii je’amu miseensa ABO fakkaachuun ummata basaasaa waan jiruuf ummanni dammaqinaan akka irraa if eegu sabbootnonni naannoo dhaamanii jiru.

MOA

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net