Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

“TOKKUMMAA OROMOO TIKSI” qophiin jedhu barattoota Oromoo Uni Hawaasaan qophaaye. Universitiy Laqameetti ammoo baratootii Oromoo diddaa dhaan OPDO qaanessan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 11,2009) Sirna gabroomsaa Wayyaanee fincilaan muddaa ka jiran gootowwan barattoota Oromoo Yuunversitii Hawaasaa Waxabajjii 6/2009 qophii tokkummaa Oromoo tiysi je’u qopheeffatuun harka walqabatanii dhiiga buusan.

Qophii tokkummaa Oromoo haa cimsinuu je’u qopheessan kanaan ummanni Oromoo hawwii diinni kutaa fi amantiin isa adda qooduuf qabutti dammaqee tokkummaa isaa akka itichu yaamicha lammummaa dhiheessan. Ergaa barattoota Oromoo hundaaf dabarsaniinis, barattoonni Oromoo bakka jiranii tokkummaan ummata Oromoo diinan akka hin sharafamne dammaqinaan akka dura dhaabatan hubachiisan.

Sirna isaanii erga guduunfanii booda sirboota qabsoo yeroo dheeraaf dhageessisuun dhiichisaa akka turanis odeessi kun ifa godha. Barattoonni Oromoo Yuunversitii Hawaasaa 3000 tahan Waxabajjii 04,2009 hiriira mormii jabaa sirni wayyaanee irratti adeemsisuun isaanii ni yaadatama.

Kanuma waliin wal qabatee gabaasi MOA Yuunversitii Naqamtee irraa gabaase akka ifa godhutti, sirni wayyaanee karaa lukkeelee isaan barattoota Oromoo Yunversitichaa miseensummaaf qaadhimachuuf taasisus dura dhaabbannoo fi mormii barattootaan duraa fashaleera.

Jaleewwan diinaa Dirribaa Caallaa fi Barsiisaa Garramaw je’aman ergaa diinaa fudhatanii barattoota walitti qabanii miseensa dhaaba jalee wayyaanee akka ta’aniif carraqanis gootowwan barattoota Oromoo dura dhaabbatuun salphisan. Barattoonni marii tana irraa qooda fudhatan, ergamtoonni kunneen ergaa diinaa fudhatanii mooricha keessa luffisuu irraa daddaffiin akka dhaabbatan akeekkachiisan.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net