(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 26, 2009) Manni Murtii Sirna Wayyaanee sabboontota Oromoo lama irratti mata mataan adaba murtii waggaa afurii murteessuun isaa gabaasame.
Maddi Oduu ABO, MOAn, Finfinnee irraa akka gabaasetti, manni murtii wayyaanee dhaddechi 2ffaa Ebla 07, 2009 jala murtii Oromoota lama jechuunis Obbo Zallaqaa Kibabaw fi Shaalaqaa Jambaree Tasammaa irratti kenneen mirga wabii mulqamanii mana hidhaa Qaallittitti darbatamanii murtii dabaa san fudhachuuf deddeebi’aa turan.
Murtii dabaafi loogiin guutameen kan beekamu manni murtii olaana Waayyanee, dhaddachii 2ffaa kun, sabboontota Oromoo lameen irratti murtii dhumaa turban kana keessa kenneen lameen isaaniiyyuu hidhaa waggaa afuriin akka adbaman murteessuun isaa illee beekameera. Sabboontoti kunneen, bara 2005 keessa FDG ka’een kan walqabate qabamanii mana hidhaa maa’ikalaawwii keessatti gidirsamaa turaniidha.
Hidhaafi hiraarsaa hedduu booda abbaan alangaa Wayyaanee himannaa mootummaa gargalchuuitti isaan irratti bane irraa wabiin kanneen bahanii ala irraa deddeebi’aa turaniidha. Manni murtii ajaja dabballoota wayyaaneen qajeelfamus, hiraarsaa waggaa afurii booda, adaba dabaa fi seermalee itti kennuun mana hidhaa Qaallittiitti akka darbataman godhee jira.
Sabboontoti Oromoo mirga dhaloota isaanii sarbamuu mormatan kunneen seeraan ala hidhamuufi adabamuun dhumatuu kan qabuus diddaafi falmaan waan ta’eef, sabboontoti Oromoo bakka jiran maratti diddaafi falmaa sirna wayyaanee irratti finiinsan daran jabeessanii itti fufuu malee falli biraa akka hinjirre beekamaadha.
MOA |