Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Sabboontoni Oromoo maadhelee adda addaa jalatti gurmaa’an dirqama dhaabni keenya ABOn itti kennu kan yeroo kamii caalaatti hojiitti akka hiiakn beeksisan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 6, 2009) Maadheelee Gaara iidaa lakk.1--6, Gadaa Caffee lakk.1---8, Biiftuu Oromiyaa lakk.2---4, Ballisaa Qabsoo lakk.1--5, Kooraa Qarsoo lakk.1 fi 2, Gola Calii lakk.1, Muraasayyoo lakk.1--7 fi Malkaa Furmaataa jalatti gurmaa’an walitti dhufanii dhimma QBO irratti wayta mari’atan ijjennoo kana beeksisan. Kana malees guyyaa murtiin abaaramaan diinaan Finfinnee irratti darbe Adoolessa 13 ilaachisuunis mare godhataniiru.

Gochaa fi tarkaanfiin diinummaa mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irratti fudhachaa jiru daran qabsoo keenyatti nu jabeessa malee duubatti nu hin deebisu kan jedhan sabbootni Oromoo kunneen, ilmaan Oromoo keessaa fi alatti argamnu yeroon kun yeroo itti tokkummaa keenya jabeeffannee caalaatti qabsoo keenyatti jabaannu waan ta’eef, bakkayyuutti ha cimnu jedhaniiru.

 Gumaa wareegamtoota Oromoo bilisummaan baasuuf qabsoon keenya kan ammaa caalaa daran dachaan akka guddattuu fi jabaatuuf gama keenyaan ciminaan hojjechuuf waadaa keenya haaromsina jedhaniiru. Akkasumas dhaaba keenya daran dinagdeen jabeessuuf gumaata isaanii akka ola kaasan beeksfatanii,  maayyii irratti ammoo tarkaanfii diinummaa mootummaan wayyaanee WMT irratti fudhachaa jiru jabeessanii balaaleffataniiru.

******** 

 

Filannoo Wayyaanee kan bara 2010 Itophiyaa keessatti geggeffanuu fi yaaddaoo lammiilee

 

(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 6, 2009) Maddeen biyya keessaa bakkoota gara garaa irraa akka gabaasanitti bara dhufu kanatti filannoo Wayyaanee ni gaggeeffama jedhamuun wal qabatee kan bara 2005 caalaa balaa ulfaataan dhaqqabuu mala kan jedhu irraa ummanni yaaddoo keessatti kufee argama.

Sababaaleen yaaddoo uumanis, qondaalonni mootummaa Wayyaanee barnoonni idilee filannoo jedhamu kana dura akka raawwatuu fi yeroon filannoon gaggeeffamutti manni barnootaa akka cufamaniif jecha, barnoota dur ji’a Fulbaanaa keessa eegalamu  ji’a tokko fuulduratti butanii Hagayyaa irraa akka eegalu murteessuu isaaniitu gabaafame. 

Kana malees wajjiraaleen mootummaa hanga sadarkaa gandaatti jiran tajaajila ummataaf kannuu dhiisanii cufamuu fi hojjattoonni galgalaa fi ganama walgahii dabballoota Wayyaaneetiin muddamaa jiraachuu maddeen keenya dabaluun ifa godhaniiru.

Sirni Wayyaanee filannoo fakkeessaa gaggeessuuf jiru ofumaan of dorgomee ofuma isaa injifatuun bara bittaa isaa itti fufsiisuu fi sagalee mormii ummataa humnaan ukkaamsuuf qophii irra jiraachuu isaa gabaasaaleen maddeen keenya nuun gahan ni mirkaneessu.

******** 

 

Kaaba Oromiyaa Godina Wallootti namoonni 5 ajjeefaman.

Shira sirni wayyaanee karaa dabbaloota isaa xaxeen Adoolessa 18, 2009 Godina Walloo naannoo Daawwee keessatti ummata Oromoo fi ummata Afar jiddutti lola taheen lubbuun namoota 5 galaafatamee jira.

Lola kanaaf sababa kan tahe dabballoonni wayyaanee laga Burqaa Oromoon duraan qotataa ture Afaaronni akka dhoorkan erga godhaniin booda. Wayyaanotni lammiilen Afaar Hawaash irraa hidhachiifamanii lola kana akka babal’isaniif bobbaasaa jiraachuunis hubatameera.

Oromoonni Karrayyuu ammoo Afaaronni kunneen Hawaash irraa hidhachiifamanii Oromoota Walloo loluuf wayyaaneen ergamu taanan lollichi lola sabaa waan taheef cal’isanii ilaaluu akka hin dandeenye addeessanii jiru.

Sirni gabroomfataa wayyaanee umrii bara aangoo isaa dheereffachuuf ummattoota  wal ficcisiisaa akka jiru beekkamaa dha. Lola ammaan dura Oromoo fi Afaar jiddutti ta’een gandi Manduuboo jedhamu guutummaan guututtu kan barbaadaaye yeroo tahu, ganduma sanii namni Qaasim Amiinuu Waliyyichaa je’amu ajjeefamuun hin dagatamu.

 

MOA

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net