(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 14,2009) Maadheelee ABO biyya keessaa balleessuu maqaa je’uun sirni gabroomsaa wayyaanee duula hidhaa ilmaan Oromoo nagaa irratti adeemsisu cimsee itti fufuun dhiheenya kana Oromoota nagaa 3 Finfinnee keessaa qabuun mana hidhaa Mi’akalaawitti darbee jira.
Sabboontonni Oromoo Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii wayyaaneen qabaman kanneenis
- Baay’isaa Dhaabaa,
- Zallaqaa Beenyaa fi
- Taayyee Danda’aa
kanneen je’amanii dha. Sirni wayyaanee filmaata dharaa 2010 nin geggeessa je’ee shibbisaa jiru irratti namoota na dura dhaabbatuu malu je’ee shakku irratti dula hidhaa adeemsisu hammeessaa jira.
Keessattuu fincilli guutummaa Oromiyaa keessatti ka’ee hundeen isa raasee ture kan akka 2005 akka isa hin mudanneef goleelee Oromiyaa mara keessatti duula hidhaa fi ukkaamsaa bal’inaan adeemsisuu irratti argama. Ummanni Oromoo ajjeechaa, hidhaa fi ukkaamsaa sirna gabroomsaa wayyaaneef osoo hin jilbeenfanne qabsoo haqaa itti jirutti daran akka jabaatu sabboontonni Oromoo dhaamsa dabarsaa jiru.
Kana malees Hojjetaa Faynaansii Ona Bakkoo Tibbee kan ta’an sab-boonaa Oromoo Obbo Dabalaa jedhamani Hagayya 30,2001 ALHtti ukkamsanii gara dabarsuu maddeen MOA beeksisan.
Obbo Dabalaan badii hojjetan qabaatanii osoo hin taane Oromummaa isaaniin yakkamuun ykn miseensa ABO ti jedhamuun akka ta’e kanneen naannicha irraa gabaasan ibsaniiru.
Hidhattootni Wayyaanee eyyama mana murtiin alatti mana Obbo Dabalaa sakatta’uun erga homaa dhabaniin booda seeraan alatti obbo Dabalaan ukkaamsanii fuudhuun hidhaatti akka darban oduun nu ga’e ni hubachiisa.
Haala kan irraa maatii fi firoottan Obbo Dabalaa yaaddoo keessa seenanii kan jiran oggaa ta’u, dhaabbattootni mirrga dhala namaaf falmanii fi ilmaan Oromoo martuu bakka jiranii akka iyyanoo isaanii dhageessisaniif gaafataniiru.
MOA |