(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 24,2009) Oduun humna ittisaa wayyaanee keessaa nu dhaqqabe akka ifa godhutti, kan yeroo kamiinuu caalaatti har’a waraana Wayyaanee keessatti kan bakka furtuu irratti bifa haaraan ramadamanii jiran dhalootaan lammii Tigrootaati. Warra duraan ramadamee jiru dabalatee Jeneraalummaa irraa hanga koloneelummaatti fuulota hojii adda addaa irratti ramadamanii kan bakka furtuu qabatanii jiran qondaalota waraanaa 21 keessaa 18 Tigroota akka ta’an maddeen keenya beeksisaniiru.
Sadan hafan lammiiwwan Agawoo oggaa ta’an isaanis, Let/Jen. Ababaawu Taaddasee Ajajaa Waraana Giddu galeessaa, Col.Misgaanaa Alamuu Ajajaa kutaa waraanaa 35ffaa fi Col.Zawuduu kutaa waraanaa 44ffaa jalatti ajajaa Makanaayizdii 41ffaa ti. Dhaaba Ginboot 7n wal qabatee rakkoo waraana keessatti uumameen ajajootni waraanaa dhalootaan Amaara ta’an ari’amuu ykn hidhamuu irraa Tigrootaan bakka buufamuunis rimiddii kanaan mul’ateera.
Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo, Amaaraa fi kanneen biroo waraanicha keessatti shakku caalaatti dhiibbachaa, ari’aa fi hidhaatti guuraa jiraachuu isaa rimiddiin kun bareechee kan mul’isu ta’uunis hubatameera.
Gadi qabaa, cunqursaa, dhiitamiinsa mirgaa fi wal caalmaa mootummaan sanyi edattee wayyaanee waraana biyyoolesssa jedhu keessatti raawwatu hammaachaa dhufuu irraa diddaa fi mormiin waraanicha keessatti dhalate daran wayyaanee yaaddessuu fi sodaachisuunis gabaafamaa jira. Waraanicha caalaatti ajajoota Tigroota ta’aniin dhuunfachiisuunis caalaatti rakkoo fi mormii jiru yo hammeesse malee furmaata akka hin fidne keessa beektotni ni hubachiisu.
MOA |