(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 16,2009) Wayyaanotni qonnaan bultoota Oromoo lafa isaanii irraa kaasuun investerootatti gurgurachuu itti fufan. Rakkoon qonnaan bultoota irra ga’us hammaataa jiraachuu MOA gabaasa.
Mootummaan Wayyaanee maqaa investimentii babal’isuu jedhuun qonnaan bultoota Oromoo naannoo Sulula Laga Gibeetti argaman lafa isaanii irraa buqqisanii dirreetti darbuun investeroota Hindiitti gurgurataniiru.
Haaluma kanaan lammiiwwan Oromoo Godina Lixa Shawaa Ona Baakkoo Tibbee gandoota Bacarraa, Odaa Gibee, Tarkaanfataa fi Amartii Gibee keessa jiraatan bakka jireenya isaanii irraa wayyaanotaan buqqifamanii beelaa fi dhukkubaan dhumataa jiraachuu isaanii maddeen keenya ifa godhaniiru.
Keessumattuu Sulula Laga Gibee keessatti kan argaman jiraattotni gandoota Milmilii, Cittuu Warra Barii fi Cittuu Warra Godee hawaasa tikfatee bulu waan ta’aniif, lafti isaan itti beeyladoota isaanii yaasanii dheedchifatan investeroota Hindiitti waan gurgurameef rakkoo hamaaf saaxilamanii jiru.
Investerootni Hundii lafti lammiiwwan Oromoo wayyaanotaan kennameef kun laficha akka qabiyyee isaaniitti waan ilaalaniif miidhaa adda addaa qonnaan bultoota Oromoo irraan ga’aa jiraachuunis ibsameera. Waraana mootummaan wayyaanee ramadeefitti gargaaramuunis jiraattota naannoo miidhaa jiraachuu isaaniitu gabaafame. Lafa isaanii sarbamuu fi miidhaa irra ga’aa jiru jalaa dheeffa qonnaan bultootni Oromoo baay’een naannicha irraa bakka hin beekamnetti baqachaa akka jiranis maddeen keenya gabaasaniiru.
Dararamuu ummata kanaaf shoora guddaa taphachaa kan jiran bulchaa Ona Baakkoo Tibbee Alamaayyoo Habtee fi naannoo kanatti bakka bu’aa wayyaanee ti kan jedhamu nama Zarihuun Mulugeetaa jedhamanis akka ta’anis beekameera. Jiraattotni Ona Baakkoo Tibbee addatti ammoo Sulula Laga Gibee keessatti kan argaman lafaa fi qabeenya keenya irratti falmachaa du’uu nuu wayya jechuun imaammata bal’eessii wayyaanotaa kana mormaa akka jiranis dhaga’ameera.
*********
Godina Shawaa Lixaa mana hidhaa magaalaa Amboo keessatti hanqina midhaan nyaataa fi qulqullinaa irraa hidhamtoonni hubamaa akka jiran dhagahame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 16,2009) Akka gabaasaa maddeen keenyatti mana hidhaa Karshallee magalaa Amboo keessatti hanqinaa fi qulqullina dhabuu midhaan nyaataan hidhamtootni dhukkubsatanii dhumataa jiru.
Haaluma kanaan hidhamtootni hedduun dhukkubsatan wal’aansa dhabanii miidhamaa jiru.
Gama birootin wayyaanotni filmaata dhufu irratti na gufachiisu ykn na mormu shakkii jedhu qofaan namoota nagaa baay’inaan qabanii hidhaatti guuraa akka jiran gabaafameera.
Godina Shawaa Bahaa magaalaa Bushooftuu keessatti ammoo dargaggoonni Oromoo magaalaa Bushooftuu heddumminaan bakka Irreechatti walitti dhufanii haala QBO irratti mari’ataniiru. Waytuma kana sirboottan qabsoo fi aadaa sirbaa dhaadannoolee wayyaanee abaaranii fi balaaleffatan dhageessisuu isaanii maddeen keenya ifa godhaniiru.
Kanuma waliin wal qabatee gabaasaan nu gahe akka addeessutti sabboontotni Oromoo Godina Harargee Lixaa karchallee Cirootti hidhamanii hiraarfamaa jiran jaarmotni mirga dhala namaaf falmanii fi ummatni Oromoo akka dirmataniif iyyatan.
MOA akka hubachiisutti ilmaan Oromoo 1600 ol ta’an maqaa ABO deggertu jedhuun akkasumas sabboonummaa isaaniin yakkamanii Godina Harargee Lixaa Karchallee Cirootti hidhamanii jiran beelaa fi dhukkubootaan du’aa fi jireenya gidduutti rarra’anii haala ulfaataa keessatti argamu.
Mootummaan wayyaanee hidhamtoota Oromoo kanneen nyaata irraa kutuun yo dhukkubsatan waldhaansa dhorkatee fixuuf yakka dhiifama hin qabne irratti hojjechaa akka jiru oduun kun dabalee hubachiisa.
Sabbootni Oromoo hidhaa keessatti gidirfamaa jiran kunniin manni murtii hidhaa keessa jiraachuu isaanii osoo hin beekin waggoota lamaa oliif achi keessatti gidirfamaa jiraachuu illee oduun kun dabalee hubachiisa.
Hidhamtootni Oromoo kun jaarmotni mirga dhala namaaf falmanii fi ummatni Oromoo keessaa fi alatti argamu akka dirmataniif iyyatanii jiru.
Ilmaan Oromoo 70 ol ta’an deggertummaa ABOn D.Dhawaatti hidhamanii jiranis manni murtii Federaalaa wayyaanee murtii haqaa yeroon kennuufii irra beellamaan deddeebisee achi keessatti gidirsaa jiraachuu maddeen keenya beeksisaniiru.
MOA