(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 4,2009)Oromoota Karrayyuu fi ummata Affaariin walitti buusuun lubbuu akka wal bal’eessan gochaa kan jiru mootummaan wayyaanee, miidhaan caalu akka Oromoota Karrayyuu irra ga’uuf waraana isaa bobbaasee humnaan qawwee isaanii hiikkachiisaa akka jiru maddeen keenya gabaasaniiru.
Walitti bu’iinsa dabballootni wayyaanee Oromoota Karrayyuu fi ummata Affaar gidduutti baatii darbe keessa qabsiisaniin yo xiqqaate Oromootni 8 ajjeefamuu kan ifa godhe oduun nu dhaqqabe, amma immoo waraanni wayyaanee Oromoota Karrayyuu keessa qubatee jiru gandeen ummataa keessa deemuun humnaan hidhannoo isaanii hiikkachiisuu irratti argama.
Mootummaan wayyaanee wayta Oromoota Karrayyuu hidhannoo isaanii hiikkachiisaa jiru kanatti Affaarotni ammoo akka hidhatan, gargaarsa nyaataa fi bishaan dhugaatii akka argatan taasisaa jira jechuun diinummaa wayyaaneen Oromoof qabdu dorgomaa dhabuu addeessa oduun kun.
Oromootni Karrayyuu meeshaa isaanii hiikkachuu morman waraana wayyaanee itti bobba’ee jiruun hidhamaa, hiraarfamaa fi ukkaamfamanii gara dabarfamaa jiran. Gariin isaanii Matahaaraa geeffamuun akka achitti hidhamanis gabaafameera. Obbo Usmaan Hassanii fi Mohaammad Baashaa kanneen jedhaman warra Matahaaraatti hidhame keessatti argamu.
Oromootni Karrayyuu waraana wayyaaneen dhiibamanii bakka qubsuma isaanii irraa buqqa’uun baqatan hedduun beelaan hubamaa fi bishaan dhugaatii dhabuun rakkoo hamaaf saaxilamaa akka jiran maddeen keenya mirkaneessaniiru.
Gama biraan dabballootni wayyaanee Karrayyuu fi Ituu walitti buusuuf shira gara biraa xaxuu irratti akka argaman gabaafameera.
Sabboontotni naannootti argaman shira diinaatti dammaquun fashalsuu malee hawwii nyaaphaa guutuuf akka walitti hin buune dhaamsa dabarsan.
MOA