Godina Haragee Bahaa Ona Baddannoo keessatti yeroo dheeraf ilmaan Oromoo diina ajjeesisaa fi hiisisaa kan ture Lukkee Wayyaanee irratti tarkaanfiin fudhatame.
Namni kun yeroof dheeraf gorfamee badii isaa irraa deebi’uu waan dideef tarkaanfiin dhumaa irratti fudhatamuu kan ifa godhe odeessi kun, Godina Harargee Bahaa Ona Baddannoo magaalaa Baddannoo fi Santarii jidduu naannawuun ABO waliin hidhata qabdanii fi ilaalcha isa qabdu maqaa je’uun ilmaan Oromoo hedduu akka ajjeesisee fi hiisise addeessa.
Murnoota hawaasaa kanneen akka barattoota, daldaloota, qotatee bultoota fi abbootii amantiis ilaalcha ABO qabdan maqaa je’uun dararaa kan ture ergamaa kana irratti Caamsaa 27/2009 tarkaanfiin maayyii Sabboontaan irratti fudhatamee jira.