(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 17,2009) Akka gabaasaa maddeen keenyatti Godinoota Shawaa Lixaa jiran hunda keessatti manneen barumsaa sadarkaa 2ffaa 21 jiran irraa barattoota namoota 30-30 humnaan magaalaa Amboo fi Hoolatatti walitti qabamanii kitaaba Sabboonummaa Dimokrasii je’uu fi seenaa Itoophiyaa akkasuma moototii isii akka baratan taasifamaa jiru.
Kana cinaattis dhaabota siyaasaa bebbeekkamoo fi ummata biraa deeggarsa ol’aanaa qaban addatti ABO irratti xiyyeeffatuun ABO akka abaaraniif dhiibbaa adda addaa godhaa akka jira oduun kun mirkaneesseera.
Barattootni garuu olola ergamtoota kanaa harkatti kuffisuun ABOn kallacha QBO ti, isin ummata Oromoof maal buuftan, wayta ummanni keenya beela fi dhukkoboota gara garaan duguugamaa jiru kanatti dhaabota siyaasaa irraa sodaa qabdan abaaruun keessa gad aantummaa keessan kan mul’isuu dha jechuun waltajjii irratti akka salphisantu gabaafame.
Mormii barattootni dhageessisan kanatti kan rifatan dabballootni dhaaba jalee wayyaanee OPDO barattoota yaada kana kaasan doorsisuu fi isin hiina dhaadannoo je’uun akka sodaachisuuf yaalanis bira gahamee jira.
*******
Godina Arsiitti hidhattootni Wayyaanee ummata goolaa gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 16,2009) Maddeen keenya gabaasaa naannicha irraa nuun gahaniin akka hubachiisanitti hidhattootni sirna Wayyaanee maqaa meeshaa hiikkadhaa jedhuun godina Arsii Onoota Xiyyoo, Digaluu, Xijjoo fi Muneessaatti manneen ummataa irratti sakattaa gaggeessuun hawaasa goolaa jiran.
Haaluma kanaan obbo Abdallaa Fiqiree, Obbo Saamu’eel, Obbo Abdallaa Qumboo, obbo Abbee Muhaammad, Obbo Eeliyaas Kaasaayee, Obbo Kadiir, obbo Qaalakiristoosa Zamaduu fi maatiin Obbo Qancaree hidhattoota Wayyaaneetiin qabamanii manneen hidhaa keessatti gidirfamaa akka jiran gabaasaa maddeen keenyaa irraa beekuun danda’ameera.
Namootni hidhaman kunniin miidhaan ulfaataan irra geessifamaa jiraachuu kan ibsan maddeen keenya, maatiin isaaniis rakkoo hamaa irra bu’uunis gabaafameera.
MOA