(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 14,2009) Dura ta’aa Kongiresii Ummata Oromoo kan ta’an Dr.Mararaa Guddinaa maddeen Finfinneef ibsa kennaniin akka hubachiisanitti, mootummaan wayyaanee dhiitamiinsa mirgaa hin raawwanne jedhee gabaasa Amerikaan irratti dhihaate haaluuf oggaa yaalu, eenyuun gowwoomsuuf akka yaalu namaa hin galu jedhan.
Mootummichi manni hidhaa dhoksaa biyyattii keessa hin jiru jedhee haaluuf yaalus, Amboo irraa km.15 kan fagaatan galmi mootummaa H/Sillaasee duraanii, Giddu galli leenjii Poolisii Sanqallee fi Kaampiin waraanaa Holataa mana hidhaa dhoksaa akka ta’an Dr.Mararaan saaxilaniiru.
Manni hidhaa dhoksaa hedduun jiraachuu ragaalee baay’ee dhiheessuun akka danda’amu kan hubachiisan Dr.Mararaan, mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti illee lammiileen baay’een beekumsa mana murtiin ala waggoota dheeraadhaaf hidhamanii akka hiraarfamaa jiran addeessan.
Dura ta’aa Gamtaa Humnoota Dimokraasii Itophiyaa kan ta’an Dr.Bayyanee Pheexiroosis yaaduma Dr.Mararaa Guddinaa kan qaban yoo ta’u, namootni wayyaaneen TV.tti fidee gabaasa dhiittaa mirgaa Amerikaan baase akka soba jedhaniif dhiheeffaman dhiibbaa mootummaan akka dubbatan kan taasifaman ta’uu akeekan.
MOA |