Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Mootummaan Wayyaanee Godina Harargee Lixaa keessatti ummata Oromoo fi Somaalii gosa Iissaa walitti buusuf shira xaxaa akka jiru dhagahame.

 

(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 4,2009) Ummattoota gosaa fi amantiin walitti buusun urmii aangoo isaa dheereffatuun kan beekamu sirni abbaa irree wayyaanee Godina Harargee Lixaa Ona Mi’eesso keessatti ummata Oromoo fi Somaalii gosa Iissaa waliitti diruuf shira xaxaa jira.

Shira dabballoonni wayyaanee ummatoota lameen walitti diruuf xaxaa jiran kana dura kan dhaabbatan namootni baay’een hidhamaa akka jirantu gabaafame. Haaluma kanaan Muhammad Haadii, Maammad Mu’allim, Muhammad Alii fi Muhammad Sulee je’aman magaalaa Shiniiletti hidhamanii jiraachuun barameera.  

Dabballoonni wayyaanee namoota hidhan kana qormaataan gidirsaa fi hiraarsaa akka jiranis oduun kun dabalee hubachiisa. Sirni wayyaanee summii  gosa fi maqaa amanitii ummattoota jiddutti facaasuun dhiiga akka wal dhangalaasisan godhaa akka turee fi jiru  beekkamaa dha.

******

Godina Harargee Lixaa Onoota Mi’eesso fi Doobbaa keessatti beellli dhalate ummata fixaa akka jiru burqaaleen gabaasan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 4,2009) MOA naannichaa irraa akka gabaasetti, Godina Harargee Lixaa Onoota Mi’eesso fi Doobbaa keessatti  beelli dhalate ummata akka malee miidhaa jira.  

Ona Mi’eessoo keessaa namootni beela’anii gargaarsa dhaban du’uu akka jalqabanis maddeen kun dabaluun ifa godhaniiru. Haalli Ona Doobbaa keessatti mul’ataa jirus, daddaffiin yo hin dhaqqabamne gara dhabama lubbuutti geessaa akka jiru beekuun danda’ameera.

Mootummaan wayyaanee karaa miidiyaa isaan guddina dharaa ololu beela ummatoota fixaa jiru dhoksuuf wixxifachuu malee, dirmatnaa feesisu godhaafii akka hin jirre hubatamaa dha.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net