(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 15,2009)Miseensotii fi hawaasi Oromoo Colorado walgahii guddaa Hagayya 9 bara 2009 qopheessan irratti HD ABO Jaal Daawud Ibsaa fi gaafatamaan DDA-ABO Jaal Tamaam Yesuuf argamuun ibsa bal’aa kennan.
Ibsa hawaasaa fi miseenota ABO kenname kun kan xiyyeefate,haala qabatamaa yeroo ammaa ummati oromoo keessa jiraatuu jiruu fi qabsoo diddaa gabrummaa ummata Oromoo fi Wayyaanee jidduutti falmaa tahaa jiru akkasumsa dhimmoota siyaasaa godina gaanfa Africa irratti kan xiyyeefate ture. Ummati Oromoo baroota dheeraaf qabsoo mirga abbaa biyyummaa fi eenyumaa isaaf godhaa ture keessatti wareegama gugguddaa baasaa ture,wareega baasaa ture kana ammo firii itti tolchuu fi mirga hiree murteeffatnaa isaa kabachiifachuuf kan yoomii caalaa yeroo ammaa kanatti qabsoo jabeessuun irraa eegama jedhanii jiru.
Kana waliin ibsa HD keessatti tokkummaan haawaasa Oromoo akka jabaatuuf garaagarummaa xixiqqoo kan akka amantii fi naannummaa irraa qulqullaawee gamtaa isaa tikfachuun qabsoo gamtaan diina irratti godhu akka cimfatu ummataaf eeranii jiru. Dhaaboliin Oromoo walba tahanii qabsoo bilisummaa ummata Oromoof dhimman marti wal irratti duuluu irraa of qusatanii tokkummaan akka diina irratti qabsaawaniif yaamicha isaanii walgahii hawaasaa kana irratti dhaammatan.
Walghiin hasaawaa seena qabeessa kana kan adda taasisu dhaabbotiin kan akka ONLF fi hawaasi Ogaden irraa qooda fudhachuu isaati, mataan DDA-ONLF Obbo Abduraman Maadii fi haggantooni dhaaba isaanii gariii akkasumas tokkummaan hawaasa Ogaden Denver waliin argamuun dhimmoota gamtaa qabsoo gamtaan ABO fi dhaabi ONLF gaaggeessaa ture keessatti mirgoota cululuqaa argamsiisaa turuunii fi mirga sabootaa kabachiisuuf jedhcha dhaaba AFD kan fuula duraaf illee jabaachuu qabu ijaaruun gahamee turuu isaa akkasumsa gama fuula dura ummati Oromoo fi Ogaden tokkummaan sirna bututee kufaa jiru Wayyaanee irratti akka qabsaawan dubbatan.
Hasaasi oromoo walgahii kana irratti argame gaaffii fi deebii akkasumas yaadota ijaaroo kenuun walgahii guddaa akkanaa kana irratti gumaacha qabsoo bilisummaa Oromoo utubu gahaatti gumaachuun gabaafame.
MOA