Gabaasa kora miseensoota ABO konyaa SWEDEN
Korri kun kan jaqabame gaafa caamsaa 15 hiriira nagayaa magaalaa Istokholm keeysatti godhameen yammuu tahu miseensootni fi hawaasni oromoo sweden jiraatan irratti hirmaatanii jiru.Hiriira kana irratti dhaadannooleen adda addaa kan dhageesimaa turan yeroo tahu gochaa motummaan wayyaanee ummata oromoo fi lammiiwwan Itophiyaa keeysa jiraatan irraan gayaa jiru ummata swedeniif hubachiisuuf barreeyfamni adda addaa faca'aa ture.Akkasumas iyyannoo barreeyfamaan motummaa sweden fi paarlaamaaf ergamee deebisaa isaa eeggachaa jirra.
Guyyaa itti aanu caamsaa 17 walgayiin miseensootaa kan gaggeeyfame yeroo tahu walgayii kana irrtti bakka bu'aan ABO MSHG GS ABO Jaal Dr.Dagafaa Abdiisaa irratti arkamuudhaan haala qabsoon ummata oromoo ABOn gaggeeyfamu ilaalchisuun ibsa ba'aa godhan.Jaal Dr.Dagafaan haala qabsoo oromoo biyya keeysa jiruu fi biyya alaa bakka lamatti qoodudhaan erga ibsa bal'aa godhan booda sagantaan gaaffii fi deebisaa gaggeefameen miseensootni hubannaa gayaa akka arkatan godhanii jiran.
Itti fufuuniis Itti gaafatamaa konyaa swedeniin gabaasaan waggaa miseensootaaf erga dhihaate booda miseensootni gabaasicha irratti mariyatanii jabinaafii laafina koreen hujii gaggeeysituun qabdu xinxalanii sagalee irratti kannataniin namni tokko gabaasni akka foyyaawu kan ja'u alatti miseensootni hafan sagalee gutuun fudhatanii jiran.
Kora kana irratti koreen hujii gaggeeysitun gadaa itti aanuuf harayatti kan filamte yammuu tahu koree hujii gaggeeysituun gadaa isaani fixatan galateeyfatanii warri harayni filamaniis daran cimanii akka hojjatan miseensoota duratti irbuu seenani jiran
Maayyii irratti sagantaan qophii aadaa galgala bifa miidhagaa fi jaalalaan gaggeefame korri milkiifii injifatnoon xumuramee jira.
Ibsa ejjanannoo Miseensoota ABO konyaa sweden
Nuti miseensootni ABO konyaa sweden ibsa hoggana dhaabaa irraa nuuf kanname fi haala qabsoo oromoo ABOn gaggeeyfamu erga xinxalle fi irratti mariyanne booda ibsa ejjannoo armaan gadii kana baafannee jirra.
1.Gaachan ummata oromoo kan tahe WBO daran cimsuudhaaf waan nurraa eeggamu hunda ni goona.
2.Nuti miseensootni ABO konyaa sweden hidhaa fii ajjeechaan ummata oromoo fi jiraattoota impaayara itophiyaa irratti motummaa wayyaaneen irra gayaa jiru nibalaaleefanna.
3.Gochaa motummaan wayyaaneen maqaa investimantiin ummata oromoo lafa isaa irraa kaasanii jireenya gadadoo keeysa akka jiraatu godhamaa jiru cimsinee balaaleeyfann.
3.Uummata oromoo sabaafii sab-lammoota waliin yeroo dheeraa nagayaan jiraachaa ture waliin dhwuudhaan dhumaati saba keenya irratti raawwatamaa jiru cimsinee ballaaleeyfchaa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatna.
4.Dhiitaan mirga dhala namaa motummaa wayyaaneen guyyarraan guyyatti cimaa jira kanaaf mootummootni gargaarsa wayyaaneef laatan akka dhaaban gaafatna.
5.Motummaan gartuu saba biicuu wayyaanee saba guddaa kan tahe ummata oromoo qayee fi qabeenya isaa irratti hidhuu fi ajjeesuun akka dhaabbatu gaafanna,ilmaan oromoo biyya ambaa keeysa jiraataniis haala kana bakka jiranitti balaaleeyfachuu isaani akka itti fufan gaafanna.
6.Nui miseensootni ABO konyaa sweden humnoota tokkummaa oromoo laaffisuuf gochaa diinummaa irratti bobbahan cimsinee balaaleeyfanna.
7.Dhaabootni oromoo bilisummaa oromoof dhaabbanne jirra ja'an graagarummaa isaan jidduu jiru furmaata siyaasaa itti laachuudhaan fuula isaani motummaa wayyaan irratti akka deeffatan gaafanna.
8.Mataan motummaa wayyaanee Mallaaa Zeenaawi mana murtii The Heg irratti akka dhihaate gaafatamu kan ja'u yaada Genocide watch iin dhihaate ni deeggarra.
9.Dhaaba keenya ABO irraa qaceelfamaa fi dirqama nutti kannamu cufa kan duraani caalaa raawwachuuf qophii thuu keenya ibsachaa, ABO diiguuf humnootni olola adda addaa dhaaba keenya irratti oofaa jiran akka daddaffiin dhaaban gaafatna.
Gadaan Gadaa Bilisummaati !!!!
Injifatnoo Uummata Oromoof !!!
Oromiyaan Ni Bilisoomti !!!
Koree HG ABO konyaa sweden.
|