(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 17,2009) Akka gabaasaa waldichaatti Itoophiyaatti lakkoofsi fayyadamtoota bilbila Mobile dhibba keessaa harka lama illee hin gahu. Lakkoofsa ummatoota biyyattii waliigalaa keessaa kanneen tajaajila bilbila Mobile argatan milyoona 1.2 akka hin caalle gabaasaa kana irraa beekuun danda’ameera.
Gabaasaan kun lakkoofa kana kan biyyoota Afrikaa biroo waliin wal bira qabuun gad aanaa tahuu isaa hubachiisa.
Fakkeenyaaf lakkoofsa ummatoota Itoophiyaa waliin walitti dhiheenya kan qabdu biyya Masrii ykn Egyptitti lakkoofsi fayyadamtoota bilbila Mobile milyoona 30 ol akka tahe ibsuun, walakkaa Itoophiyaa kan hin taane biyya ollaa Keeniyaa keessatti illee namoonni miiliyoona 11 ol fayyadamtoota bilbila mobile tahuu dabalee hubachiisa.
Mootummaan Wayyaanee tajaajila telecommunication haalaan babal’isaan jira jedhee ummatoota biyyaattii kijibaa akka jiru beekamaa dha.
Tajaajijilli gama kanaan hanga ammaatti diriirfameera jedhamus taanaan fayida ummatootaaf yaadamee osoo hin taane, icciitii dhunfaa lammilee ittiin butuuf kan yaadamee fi gochaan qaanfachiisaan kun ammas hojii irra oolfamaa jiraachuu isaa ogeettii dhimmichaa kan taate Shamarree Haannaa Margaa Saaxiluun ni yaadatama.
MOA