Ijoo Dubbii
Investmentiin ummatootaa fi uumama miidhu gaaga’aa dha.
(Ijoo Dubbii Ejjennaa ABO Calaqqisu)
Ummatni cunqurfamaa fi saamamaan madda sababa hiyyummaa isaa beeke madda kana dhabamsiisuuf ka’a. Kan lakkoobsaan yaartuu murni cunqursaa quufee bulee wayyabni beelaan waxalamuun maaliifi? gaaffii jedhuuf wayta deebiin isaa sirritti hubatamuuf eenyu quufee bulee eenyutu beelaan dhuma kan jedhuun kan isa hiyyoomsaa jiru irratti ka’uun ykn duuluun hin hafu. Qe’ee dhaloota biyyaa oonsaa, dhaloota biyyaa bakka abaabayyuun irra jiraate irraa maqaa investmentii jedhuun kanneen bakka biraa irraa itti godaanan badhaasanii duroomsuun, balaa inni of boodaan fe’atee jiru hubatuun badii hin hawwamnee fi hin barbaadamne hanqisuuf gargaara.
Haalli yeroo ammaa Itophiyaa keessatti mul’ataa jiru kan durii irra hammaataa dhufuu malee wayyoomina agarsiisaa hin jiru. Rakkoon siyaasaa, dinagdees tahe hawaasummaa, akka aduu gammoojjii caalaatti gubaa deema malee isaa furmaata rakkoo fi boriif abdii tahuu hin mul’atu. Hojii dhablummaan yeroo yeroon akka misaa’elaatti kan ol dhuka’uu malee kan gadi bu’u hin taane. Imaammatni dinagdee gabaa walabaa fi warraaqsa dimokraasiin wal make hiyyummaa fi beela babal’ise malee jireenya ummatootaa irratti jijjiirama mul’ataa argamsiisuu hin dandeenye.
Kana waliin kanneen qe’ee isaanii irraa buqqaafaman irra rakkoon gahaa jiru, kosii fi xuriin magaalaa fi warshaalee qormaataan alatti dhaabaman dhaqqabsiisaa jiran, balaan ummata, beeyladaa fi ummama naannoo irraan gahaa jiran egeree impaayerittiifis tahe ummatootaaf yaaddessaa malee abdachiisaa tahaa hin jiru.
Wayyaanee irraa dhaadannoon “hiyyummaa dhabamsiifna!” jedhu guyyuu dhaga’ama. Biyya misoomsuudhaan hiyyummaa dhabamsiisuuf duula geggeeffamaa jiru k an jedhamuun kan duroomaa fi bu’aa irraa argataa jiru eenyu faa akka tahan, sababa duula hiyyummaa balleessuu jedhu kanaan kan ummatoota irra gahaa jiru kan qalbifannaa argataa jiru hin fakkaatu. Argachuus hin danda’u. Sababni isaas kanneen empaayera kana dursan kan ummatootaaf dhimman, kan uumama naannoof yaadan, kan qabeenya biyyaaf gaddan waan hin taaneef. Wayyaanota irraas kun hin eegamu.
Biyya guddifna, biyya misoomsinee beela dhabamsiifna jechuun sochiin adeemsifamu ykn lallabbiin dhageessifamu bal’aa akka tahe kan waakkatu hin jiru. Haa tahu malee taatotni sochii kanaa fi dursitootni eenyu? inni jedhu kan ilaalamuu qabuu dha.
Maqaa investmentii jedhuun kanneen qotee bulaa lafa isaa irraa akka buqqa’uuf sababa tahan gosa lama. Kanneen duraa investaroota biyya keessaa kanneen sirnicha waliin hidhata qabanii dha. Kanneen kun hanga mootummaan kun jirutti saammachuun kan shaffisaan duroomuu karoorfatan, haalli yo itti bade ykn jijjiirame alatti baqatuuf of qopheessanii dha. Kanaaf ofii fi murna waliin hiriiran irratti amantaa guutuu waan hin qabneef kan isaan hojjatan hojii bu’aa shaffisaa argamsiisuu fi yeroo dheeraa hin gaafatne, misoomaa fi guddina biyyaa keessatti qooda guddaa hin qabne irratti bobba’an.
Kanneeniin ala kan jiran investaroota alagaa ykn baar-gamaa dhufanii dha. Investarootni baar-gamaa maallaqa guddaa baasuun biyya Wayyaaneen dursu keessatti hojjatuuf of kennan, dalagaa guddinaaf bu’uura tahe irratti bobba’anii jiru jechuun ni ulfaata. Investarri kamuu qabeenya isaa hojii irra oolchuun dura, haala biyyaa qorata. Hariiroo mootummaa fi ummatoota gidduu ilaala. Biyyattiin nagaa qabdi moo hin qabdu jedhee ilaallata. Boriif hoo haalli jiru hangam abdachiisaa dha isa jedhu herregata.
Hariiroon mootummaa Wayyaanee fi ummatoota Itophiyaa gidduu boora’aa fi amansiisaa waan hin taaneef, biyyattii keessa nagaan waaraan waan hin jirreef, biyyattiinis garri itti deemtu ifaa waan hin tahiiniif, investarri ija guutu seenuu hin dandeenye. Kanneen seenan yoo jiraatan warshaalee xixiqqoo guddinaaf bu’uura hin taane dhaabuu fi qonnaa irratti bobba’uu irra hin dabarre. Investaroonni kanneenis mootummaa jiru irraa amantaa waan hin qabneef, dalagaa maallaqa invest godhan dafee isaaniif deebisu, nagadaa fi qonnaa abaaboo qofa irratti bobba’an.
Misoomaa fi guddina biyya tokkoof murteessaan hirmaatnaa ummata biyyaa ti. Misoomnii fi guddinni hirmaatnaa ummataan alatti galmeeffamu hin jiru. Akka mul’ataa jirutti daandiin misoomaa fi guddinaa Wayyaaneen durfamaa jiru kan ummatoota hirmaachisu osoo hin taane kan ummatoota hojii ala taasisuu dha. Qotatee bulaan lafa isaa kanneen kappitaala guddaa qabaniif maallaqa nyaata isaa irra hin dabarreen akka gadhiisu taasifamee oomisha irraa fageeffama.
Owruun qotatee bulaan buqqaafame midhaan irratti oomishu, jajjabeeffamee fi tinnisni godhameef wabii nyaataa argamsiisuu danda’u, qonnaa ililliitti jijjiiramee kiisha dureeyyotaa akka gabbisu taasifame. Kana waliin kan ilaalamu lafti ililliin irratti qotamu qonnaa biraaf kan hin oolle tahuu qofa osoo hin taane, keemikaalli daraaraa kana guddisuuf dhimma itti bahamu kan lafaa fi lageen naannoo suummeessu tahuu isaa ti.
Warshaaleenis taanaan qormaata gahaan alatti kan dhaabaman waan taheef isaanii lageen suummeessanii, uumama naannoo jijjiiruun, ummataa fi beeylada gaaga’an mul’atu. Kanaaf warshaalee gogaa duugan bakkaa bakkatti dhaabaman ilaaluun gahaa dha. Dhimma kana ilaalchisee gaazexeessaan Al-Jazeeraa qormaata geggeesseen naannoo laga Qooqaatti warshaan gogaa beeyladaa, ummataa fi uumama naannoo gaaga’aa akka jiru qabatamaan dhiheessuun saaxiluun ni beekama. Kanatti dabalee warshaalee laga Awaashitti dhihoo ijaaraman irraa kosiin laga kanatti seenu balaa tilmaamuun hin laaffatne dhaqqabsiisaa jira.
Kanneen hundi egaa bu’aa ummatootaa fi biyyaa, akkasumas dhaloota boriif dhimmuu dhabuu irraa dhaqqabaa jiran. Kanneen biyyattii dursan, kan har’aa malee kan borii kan hin yaadne, ofiif malee kan ummatootaa fi biyya bulchaa jirra jedhaniif dantaa kan hin qabne, ofittoota waan tahaniif, rakkooleen olitti ibsaman ummatootaa fi biyyattii gaaga’uu irratti argaman.
Dalagaa jireenya ummataa wayyeessu kan dura dhaabbatu hin jiru. Guddinni biyyi tokko galmeessitu ni faarfama malee hin balaaleeffatamu. Kan deggeramu malee kan dura dhaabbatamu miti. Guddinnii fi misoomni Wayyaaneen dhaadheffamu garuu kana irraa adda. Kan biyya guddisuun bu’aa ummatootaa wal qixatti tiksisiisuu akeeka godhate osoo hin taane, murna gabaabaa duroomsuu irratti kan xiyyeeffate, ummatoota hiyyummaaf saaxilaa jiruu dha. Garaagarummaa dureessaa fi hiyyeessa gidduu caalaatti bal’isaa jira malee dhiphisuu irratti gumaachaa hin jiru. Kan uumama naannoof ilaalcha hin laanne, bu’aa yeroof jecha lafa, uumama naannoo, lageen, ummataa fi beeylada balaaf saaxilee dha.
Ummatootni Itophiyaa wayta ammaa sirna ukkaamsaa jalatti dararamaa jiran. Aangoon siyaasaa guutummaatti dhaloota naannoo tokkoon dhuunfatamee jira. Dinagdeen biyyaa to’annoo dhalootaa naannoo tokkoo jala seeneera. Olaantummaan siyaasaa fi dinagdee murna Wayyaaneen dhuunfatamuun ummatoota Itophiyaa cunqursaa irra hammaataa fi hiyyummaa dorgomaa hin qabne keessa seensisee jira.
Haalli kun ammoo kan itti fufu akka hin tahiin hubatamaa dha. Ummatootni qe’ee isaanii keessatti duula saamtotaan lafa isaanii irraa buqqaafamanii rakkoof saaxilaman, dalagaa farrummaan gadi hin taaneen, uumamni naannoo baduun kan isaanitti dhaga’amu, suumma’uun lageenii fi dhabamuun bosonaa eegeree isaanii balaaf banaa taasisuu kanneen argan, sirna diiggaa fi badiif uumame kana irratti ka’uun kan hin hafnee dha.
Ummatootni ukkaamfamanii jiran haala kana keessaa of baasuuf warraaqsi qodhan taankii fi madaafni kan dhaabu miti. Ummatoota ukkaamfamanii fi hiyyummaan dhamaafamaa jiran, eenyu quufee bulee eenyu beelaan dhuma jechaa jiran, kan yaadan guuttatuu irraa eenyu iyyuu isaan hanqisuu hin danda’u. Aarii fi dheekkamsi ummatoota irraa mul’atu kunis Wayyaaneen boombii cancalli isaa hiikamee dhukaasaaf qopheeffame cinaa taa’aa akka jiru akeeka.