Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Godina Harargee Bahaa  keessatti Ilmaan Oromoo lama dararaa sirnni wayyaanee mana hidhaa keessatti irraan gaheen lubbuun isaanii dabarte.
 

(Madda Oduu ABO/MOA/Caasaa 19,2009) Odeessi nu gahe akka ifa godhutti lammiileen Oromoo Obbo Abdurashiid  Ibraahimii fi Obbo Hassan Ibraahim Tuulee je’aman dararaa mootummaan wayyaanee irraan gaheen lubbuun dabaranii jiru. Godina Harargee Bahaa Ona Burqaa Tirtiratti dhalatee ka guddate sabboonaan Oromoo Obbo Abdrurashiid Ibraahim yeroo gara garatti sababa ABO deeggarta je’uun hidhamee  dararamaa ture.

Dararaa diinni irraan gaheen, dhukkubsate yeroo lama  wal’aasaa dhoosatiin yaalamuu isaa kan ifa godhe oduun kun Caamsaa 8/2009 miidhaa irra gahe irraa  bayyanachuu dadhabee umrii isaa ganna 38tti  du’aan addunyaa tana irraaa booqate.  Obbo Abdurashiid Ibraahim diinaan wayta qabamee turetti hiccitii ABO baasuu dide jedhamee wayyaanota diina ummata Oromoo ta’aniin akka malee dhaanamuu isaa illee odeessi MOA dabalee addeessa. Obbo Abdurashiid Ibraahim tikfataa bulaa akka ta’es hubameera.

Oduuma  walqabatee nu gaheen, jiraataa Ona Baddannoo Araddaa Tortoraa Guddaa ka tahe abbaan joollee 7  obbo Hassan Ibraahim Tuuleetis haaluma walfakkaatuun ajjeefamuu isaatu gabaafame.

Hojii daldalaan jiraataa ka  ture sabboonaan Oromoo obbo Hassan yakka biraa hojjatee kan ajjeefame osoo hin taane ABO deeggarta maqaa je’u qofaan  dharaan himatamee hidhaa keessatti dararamaa erga tureen booda  miidhaa isa irra gaheen addunyaa kana irraa du’aan boqotee jira. Qabeenyi isaa kanneen akka dukkana fi konkolaats diinaan saamamanii jiru.

Sirni wayyaanee ummata Oromoo diina isa duraa godhatee fixaa akka turee fi jiru beekkamaa dha. Maatii fi firoottan  Oromoota dhumataniin jajjabaadhaa jechaa lubbuu isaaniif ammoo rabbiin jannata haa kennuu jenna.

********

Godina Harargee Bahaa Ona Malkaa Bal’oo jiraataa Araddaa Miinyaa ka tahe lammiin Orommoo Sheek Aammad je’aman bulchaa gandaa ka tahe ergamaa wayyaanee Aammad Alii je’amuun ajjeefaman.

(Madda Oduu ABO/MOA/Caasaa 19,2009) Caamsaa 11/2009 bulchaan gandaa lukkeen wayyaanee Aammad Alii je’amu Sabboonaa Oromoo Sheek Aammad je’aman ati deeggaraa ABO ti; meeshaa ABOn sitti kenne dhoysitee baasi  maqaa je’uun tumiinsa hamaa erga irratti raawwateen booda, lubbuu isaa galaafate.

Sheek Aammad nama hidhata siyaasaa tokko illee hin qabne tahuu kan ifa godhe oduun nu gahe sirni wayyaanee akkuma aadaa isaa karaa ergamtoota isaan ummata Oromoo dhabamsiisuuf duula dhaabbataa adeemisaa jiru kan itti fufe ta’uu mul’isa jechuun addeesse.

Jaleen diinaa Aammad Alii je’amu Araddaa Miinyaa keessatti nama nagaa Sheek Aammad ajjeese kun hanga ammatti toohannaa jala akka hin oolinis odeessi kun dabalee addeessa.

 

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net