Tarkaanfiin Shorarkeessummaa fi hidhaan jumulaa qabsoo mirgaa ummata Oromoo hin dhaabu.
Bittootni Itophiyaa “Bittaa keenya hin mormiinaa, mirga keessaniif hin falmiinaa” jedhan biyya Itophiyaa jedhamtu bifa har’a qabduun eerga ijarratanii eegalanii ummatoota humnaan booji’an irraan miidhaa dorgomaa hin qabne geessisan. Waan taheefis ummatootni cunqurfamoo ijaarsa empaayera Itophiyaa irraa jalqabee hanga har’aatti qabsoo bilisummaa fi dimokraasii geggeessuu irratti argaman.
Sochii ummatootaa itti fufe jiru ukkaamsuuf tarkaanfii diinummaa fi suukanneessaa murna Wayyaaneen fudhatamaa jiruun lakkoobsi lammiiwwan gaaga’amaaa jiraniis dabalaa malee xiqqaataa hin jiru. Bittaa abbaa irrummaa Wayyaanee waggoota 20 lakkoofsisuuf jedhu kana keessatti dardara, shamarran, jaarsa jaartii , ijoollee fi daa’imman osoo hin hafiin tarkaanfii namoomaan alaa fudhatamuun lubbuun gaaga’ameera. Barattootni lakkoobsaan guddaa hidhattoota sirnichaaf amanamoo tahaniin mooraa mana barnootaa keessatti rasaasaan tumamanii fi saanjaan qalamanii lubbuun isaanii galaafatamee fi qaamaa hir’atan danuu dha. Gaaffii qaban karaa nagaa dhiheeffatuu irraa kanneen guyyaa saafaa jumulaan rashanamanii fi mana waliin gubaman baay’ee tahuunis hubatamaa dha.
Gartuun Wayyaanee Tigraay dhufaatii isaa irraa eegalee ummata Oromoo diinatti herregee tarkaanfii fudhataa tureen, ilmaan ummataa badiin alatti lammii duratti ajjeesutti dabalee awwaala dhorkatuudhaan irbaata bineensaa fi allaattii taasise, gochaa gara jabinaa fi suukanneessaa Oromoo fi nagaa jaallattoota biratti yoomiyyuu hin dagatamnee fi dhiifama hin arganne dha. Kan uumamaatti dabalee shira farra ummata Oromoo gartuu Wayyaaneen qindeeffamuun ummatni Oromoo beelaan hubamee dhumiinsaa fi baqaaf saaxilameera. Naannoo jireenya isaa suummeessuudhaan dhukkubaaf saaxilanii lubbuun isaa akka dabartu taasifamaa jira. Qotee bulaan lafti irraa fudhatamee ari’amaa jiru lakkoobsi isaa guyyuu dabalaa jira. Shira dhoksaa diinaan Lammiin Oromoo hiyyoomfamaa dhoortoon jiraachuutti dhiibamuu irratti argama.
Walii gala bittaa Itophiyaa jalatti muyxannoon ummatni Oromoo horate, mootummaan Itophiyaa kamiyyuu dhiphuu fi rakkoo ummata Oromoof kan hin dirmatne, kan roorroo irraa hin ittisnee fi gaachana tahuu fii hin dandeenye, rakkoo isaa furuu irra kan hammeessan tahuu hubachiisa.
Qaphxiilee kanaan olii akka kaafamu kan taasisaa jiru gartuun Wayyaanee sadarkaa addunyaatti yakka sanyii duguuggii raawwatuun, bulchiinsa badaa tarkaanfachiisuun, sirna loogummaa irratti bu’ureeffame geggeessuu fi malaammaltummaa adeemsisaa jiruun balaaleffatamaa fi dursitootni sirna kanaa gochaa farrummaa ummatoota irratti raawwataniif murtii seeraaf akka dhihaatan wayta gaafatamaa jiru kanatti, umrii bittaa abbaa irrummaa isaa dheereffatuuf lammiiwwan Oromoo dharaan yakkee mana murtii dantaa isaa ittiin tikfatuuf ijaarratetti dhiheessaa jiraachuu itti fufuu isaa ti.
Akkuma beekamu mootummaan abbaa irree Mallas Zeenawii waggoota kudha saddeettan dabraniif himata dharaa miseensaa fi deggertoota ABO ti jedhuun ilmaan Oromoo hidhaa fi hiraarsaa jiraate. Dokumantiin harka dhaabaa seene akka addeessutti Wayyaaneen gochaa isaa itti fufuun Oromoota hidhuu fi hiraarsuu bal’inaan kan itti fufee jiru tahuu mirkaneessa. Himatni dharaa Oromoota ittiin yakkaa jirus, WBO maallaqaa fi meeshaan gargaartan, karaa agarsiiftan, odeeffannoo dabarsitaniif, waliin hiriiruun waraana biyyaa loluudhaan miidhaa dhaqqabsiistan kan jedhuu fi kkf dha. Himata kanas dhugaa fakkeeffatuuf raga kijibaa poolisoota sirnichaa fi siviilota keessaa maallaqaan bitatuun qopheessuu irratti argama. .
Oromootni yakkaan himaman Harargee Bahaa fi Harargee Dhihaa qabaman qonnaan bultoota, daldaltoota, barattootaa fi hojjattoota mootummaa walii gala murna hawaasaa hunda irraa kan qabamani dha. . Oromootni yakka homaatuu hin raawwatiin kanneen yeroo ammaa kana Dirree Dhawaa mana hidhaa Shiniilee keessatti argaman. Akka odeeffannoon mana hidhaa kana irraa argame addeessutti kanneen hidhatti gataman keessaa garii waldhaansa fayyaa , nyaataa fi rakkoo qulqullinaa jiru irraa lubbuun isaanii dabraa akka jiru hubachiisa. Kanneen hafanis bishaanii fi nyaata gahaa dhorkatamanii dheebuu fi beelaan dararamaa jiran. Firri akka hin dubbisnee fi hin ilaalleef fira irraa adda kutamaniiru. Kanneen fayyaa dhabiinsaa fi haala hamaa mana hidhaa keessaa irraa lubbuun isaanii dabarte firri akka hin awwallanneef dhorkatamanii amanamoo sirnichaan awwaalaman.
Kanneen badiin alatti mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiran lakkoobsaan 73 tahan Abbaa Alangee Federaalaa waajjira Dirree Dhawaa tiin Mana Murtii ol aanaa Dirree Dhawaatti Bitootessa 21, 2009 himataman laaluf as tuqaa......
Gartuun Wayyaanee Tigraay kanneen bittaa isaa hin fudhannee, sirna isaaf hin jilbeeffanne, ashkarummaan tajaajiluu qalbiin hin fudhanne, dantaa dhuunfaan sobamanii mirga ummata isaanii gabaaf dhiheessuu didan yakka dharaan mana murtii ofiif tolfatetti dhiheessuun murtii du’aa fi hidhaa waggaa dheeraa irratti murteessisaa ture, har’as lammiiwwan fayyaaleyyii yakka homaatuu hin raawwatne mana murtii ofiif ijaarratetti dhiheessaa jira.
Kanneen to’annoo jala oolfamaniin alattis duula bal’aa yeroo ammaa geggeeffamaa jiruun Oromootni dhibbootaan lakkaa’aman Oromiyaa guutuu addatti ammoo Hararge Bahaa fi Dhihaa irraa qabamanii hidhaatti guuramaa jiran. Kanneenis akkuma obboleeyyaan isaanii maqaa ABO deggertu jedhuun kan qabamani dha.
Addi Bilisummaa Oromoo gochaa diinummaa kana jabeessee balaaleffata. Ilmaan Oromoo manneen hidhaa Wayyaanee dhoksaa fi ifatti beekaman keessatti qabiinsa namoomaan alaan hiraarfamaa fi gaaga’amaa jiran murtii haqaa ni argatu jedhees hin abdatu. Waan taheef nagaa jaallattootnii, jaarmootni mirga namoomaa, dhaabbattootni miti-mootummaa fi hawaasni addunyaa yakki murna Wayyaaneen lammiilee Oromoo irratti raawwatamaa jiru akka dhaabamuu fi kanneen dharaan yakkamanii hidhaa keessatti dararamaa jiran akka gadhiifamaniif dhiibbaa barbaachisu akka godhan yaadachiisa.
Gadaan gadaa Bilisummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!
ABO
Fulbaana, 2009
I.U.Of!!
|