(Madda oduu ABO/MOA/Adooleessa 9,2009) MOAn akka gabaasetti hidhattootni sirna wayyaanee fi Gumuzootni mootummichaan hidhachiifaman torban kana walta’anii Baha Wallaggaa Haroo Limmuu keessatti qotatee bultoota Oromoo irratti balaa dhaqqabsiisaniiru.
Tarkaanfii qotatee bultoota Oromoo irratti fudhatame kanaan namootni 9 butamanii Kamaashiitti hidhamuun akka malee hiraarfamaa jiraachuus oduun nu dhaqqabe ni hubachiisa.
Naannoo kanatti lafti qotatee bultootni Oromoo irra jiraatan fuudhamee investeroota Tigree ta’aniif kennamaa kan jiru oggaa ta’u, gochi kunis waldhabbii fi rakkoo biraa dhalchee akka jiru gabaafameera.
Mootummaan wayyaanee kallattii hundaanuu sabaa fi sablammoota biyyattii ummata Oromoo irratti kakaasuun nagaa dhabee akka jeeqamu gochaa jiraachuun beekamaa dha.
MOA