(Maddda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 27,2009) Sirna Gadaa Oromoo fi seenaa saba Oromoo gad fageenyan qoratanii addunyatti beeysisuu keessatti qooda guddaa ka gumaachan Profeessor Asmaroom Laggasaaf Fulbaana 20, 2009 galgala naannawa giddu gala waajjira H/D ABOtti sirna afeerraa irbaataa kabajaa isaaniif qophaawe irratti kennaan yaadannoo ABO irraa gumaachameefii jira
Sirna kana irratti hogganoonni fi miseensonni ABO, prof.Asmaroom Laggasaa dabalatee namootni dhimma Oromoo irratti barreessan biroon akkasumas keessummootni argamaniiru.
I/A/H//D ABO J/Bultum Biyyoo hordoftoota Amantii Islaamaa maraanuu Iid Mubaarak erga je’an booda, qooda Pro. Asmaroom Laggasaa seenaa saba Oromoo keessatti qaban erga ibsaniin booda Prof.Asmaroom Laggasaaf kennaa yaadannoo qophaawe maqaa ABO fi ummata Oromoon kennaniifii jiran.
Sirna kana irratti haasaan adda addaa namoota gara garaan kan taasifame yeroo ta’u, walaloon Prof.Asmaroom Laggasaa faarsus dhihaateera.
|