Hawwasni Oromoo biyya UK, Ebla 15, 2009, guyyaa Gootota Oromoo magaalaa London fi magaalaa Leeds kessaatti sirna ho’aan kabajan.
LONDON
(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 15,2009)Gabaasi MOA London akka ibsutti, Ebla 15, 2009 Oromootni magaalaa London keessa jiraatan walgahanii guyyaa Gootota Oromoo sirnaan kabajataniiru. Sirna kana irratti waa’ee guyyaa kanaa ilaalchisee ibsa gabaabaan kennameera. Ibsa kana keessatti guyyaan Gootota Oromoo seenaa Oromoo keessaatti bakka guddaa kan qabuu fi kabajamaa tahuun isaa yaadachiisuun, yaadatnoo guyyaa kanaafis waadaa goototi Oromoo lubbuu gita hin qabne kana qabsoo bilisummaa fi walabummaa Oromiyaaf jedhacha kennaan akka fiixa baasaniif Oromooti London waadaa ABO fi QBOf qaban haromsanii jiru. Oromootni waggoota dheeraaf mirgaa fi bilisummaa saba isaaniif jecha lubbuu isanii kennan ulfaatoo fi kabajamoo ta’uu isaaniis ibsa kenname keessatti gahaatti ibsamee jira.
Oromoo waggoota dheeraaf fincila diddaa gabrummaa keessatti lubbuun wareegaanii fi har’as wareegamaa jiran bara baraan yaadataa daandii isaan tattaraaran irraa osoo hin maqiin kaayyoo kufaniif akka bakkaan gahuun murteessaa tahe isuma guyyaa kanaa keessatti tuqameera. Itti dabalees, har’as Oromootni mirgaa fi bilisummaa isaaniif jecha qaamaa hir’atan, harka diinaa jalatti dararaman, qabeenyaa isaanii saamamanii fi biyya isaaniirra ariihataman wareegama waan kafalaniif kabajamoo tahuun isaanii ibsameera.
Ilmaan Oromoo ammas kaayyoo jegnootiin Oromoo itti wareegaman utuu hin dagatiin bakkan gahuuf tokkummaa fi jabinaan hojjechuu fi falmaachuu akka qaban hubachiifameera. Hirmaattotni guyyaa kana sababa gochuudhaan dirqamni nurraa eegamu jegnoota Oromoo wareegaman kaayyoo isaan kufaniif bakkaan gahuu irratti hojjechuu akka qabnuu fi gurmuun keenya jabeeffachuun akka qabu, akkasumas ummatni Oromoo, ABO fi Dhaabotni Oromoo mirgaa fi bilisummaa Oromoof falman akka jabaatanii waliin hojjetaniif ergaa isaanii dabarfataniiru.
Ibsa kanatti aansee hirmmaattotni ayyaana kanaa Xomboraa/ dungoon qabsiisanii Gootota Oromoof yaadannoo daqiiqaa 2 taasisaniiru. Xomboraa/ dungoo harkatti qabatanii faaruu alaabaa Oromoo dhageessissudhaan guyyaa kana haala sirna qabeessaan kabajatan.
Magaalaa LEEDS
Kanuma waliin wal qabatee London irraa gabaasa Ayyaana goototaa Magaalaa Leeds kabajame MOA akka gabaasetti. Hawaasni Oromoo Kaaba UK, Waldaa Tokkummaa Oromoo jedhamu jalatti ijaaramanii jiran, Ebla 15,2009 magaalaa Leeds keessatti bakka ‘Civil Hall’ jedhamutti walgahanii guyyaa Gootota Oromoo sirna ho’aan kabajataniiru. Sirna kanarratti guyyaan Gootota Oromoo kun maal akka tahee fi maaliif akka kabajamu hubachiisuuf hasaawaa gabaabaan tahee jira. Guyyaan kunis kan nu yaadachiisu Oromoon gabrummaa irraan kan ka’e yeroo Oromummaa isaa qana’aa fi sodaataa ture keessatti Goototni har’a yaadannu kun lubbuu isaanii jijjiirama hin qabne dabarsanii sadarkaa amma irra jirru kanaan nu geessisan kabajamoo fi bara baraan kan yaadataman tahu jedhaniiru. Gootota kanas Xomboraa/ dungoo qabsiisuudhaan callisa daqiiqaa 2 tiin yaadataniiru. Itti dabalees fulduratti seenaa Gootota Oromoo beekuu fi dhalootatti dabarsuun dirqama Oromummaa tahuu isaa hubatanii kana bakkaan gahuuf kitaabota Gootata Oromoo dubbisuu fi odeeffatnoo adda addaa irraa qorannoo godhannee beekumsa keenya dagaagsuun dirqama keenya jedhaniiru.
Gama biraanis, ummatni Oromoo bakka ayyaanni kun kabajamanitti argamuu hin dandeenye akka isaanii mijatutti naannoo jiranitti maatii fi hiriyyoota isaanii waliin guyyaa Gootota Oromoo yaadatanii oolaniiru. Kana irrattis waa’ee guyyaa kanaa walii ibsuu fi ijoollee isanii hubachiisuu akkasumas rakkina Oromoo mariihachuun akka ture hubachuun dandahameera.
Kaayyoon Gootota Oromoo Bakka gaha!
Ummata Oromoo Biyya UK