Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Waamicha Hawwaasa Oromoo Ugandaa

Ebla 2009 - Hawwaasni Oromoo Ugaandaa guyyaa ayyaana goototaa bara 2009 sirna howwaan magaala Kampala keessatti kabaje ooleera. Ayyaana kanarratti kan hirmaatan manguddoota, dargaggootafi shamararran sirna ayyaanichaarratti argamanii yaadannoo gootota Oromoof kan bilisummaa Oromoof jecha wareegamaniif daqiiqaa lamaaf yaadatanii itti aansuun eebba maanguddoon sagantaa guyyaa ayyaanicha baname. Itti fufuun waa’ee guyyaa goototaa ilaalchisee seenaarra hubannoon erga manaaf kenname mana keessa ammoo qophiilee ogbarruu kanneen seenaa nama barsiisan, gootota faarsaniifi gaafiifi deebbii addaddaa   manaaf dhihaatee hawwaasichi irraa baraa ittiin bashannanee oole.

Itti aansuun hawwaasichi haala yaroo ammaa qabsoon bilisummaa Oromoo itti jirturratti gad fageenyaan erga irratti mari’atne keessattuu yaroo ammaa wayita diinni Oromoo kufaatiif daddaaquu jirutti dhaabbileen siyaasa Oromoo walsifa, waliigaltee dhabuufi garaagarummaa adeemsaa uumuun isaanii hedduu nugaddisiisee jira.

Keessattu si’ana QBO didha guddaatu itti jira. Rakkoo kana xaliillee kana jechuun yaroo dheeraafi maree ijibaachisaa Oromoota kanneen qaamaafi qalbiin, beektota kanneen qara sammuun, dargaggoota kanneen hamileefi gochaan qabsoo kanarraa qooda fudhatan waliin gochuu feesisa. Garuu, “Gaashumaan dhuufuun daalatti fakkaatti.” Jedhan. Qabsichi rakkoorra jiraachuun walnufalamsiisu. Ijoon dubbii haadhoon rakkichaa maal? Rakkolee himaman kana duraduubaan yoo keenyu maal tahinna? Isa kam furree isa kamitti ceena? Rakkoon inni tokko furamuun rakkoon inni biroo akka salphaatti furamu xurree tahinna? Ammaan dura aadaan rakkolee qabsicha keessatti yaroo addaddaa mul’atan ittiin furamaa turame ykn dandahama [handle] turame akkam? Kunoo tarii matumaanuu rakkina kunneen furuun hafee rakkina dhibii dabalinna?

Har’alleen akkuma kaleessa san kuun mataako, kuun garaako osoo jedhuu carraan dhufuu jiru akka yaroo sadaffaaf nudabarre ammaan walidhufnee nu Oromoonni waljabeessine akeeka qabsoo bilisummaa san dhaqqabuuf tokkummaan waliin hojjechuu qabna.

Kanaaf:

  1. Manguddoonniifi  Hayyoonni Oromoo walidhufuun rakkina dhaabbilee siyaasa Oromoo jiduutti dhalate kana ilaalani hatattamaan furmaata feesisu akka barbaadan waamicha goona.
  2. Dhaabbileen siyaasaa kan bilisummaa Oromoof dhaabbatan martuu haaldure tokko malee garaagarumma isaanii cinaatti dhiisuun dhimma tokkummaa Oromoofi diinarratti akka qabsaa’an waamicha goona.
  3. Hawwaasni Oromoo, cayalee hawwaasa Oromoo, dargaggoota, ka’imman, barattoota, hayyootaafi Sabni Oromo martuu  bakkuma jirutti  osoo kutaan, amantiinifi ilaalcha siyaasaan addaan walhinfo’iin Oromummaarratti hunda’uun waliif birmachaa gahee Oromoon boru impaayera Itoophiyaa keessatti qabaachuu dandahuuf yoomiyyu caalaa dammaqee ofqopheessu qaba. Oromoota beekaa yookiin osoo hinbeekiin Oromoota maqaa kutaan, amantiifi ilaalcha siyaasaan fedha dhuunfaafi yookiin dirqama diinaa bahuuf jecha addaan fuudhuuf socho’an dura irraa ofeeguun, dura dhaabbachuufi balaaleffachu akka qaban waamicha goona.
  4. Abbootii qabsoo bilisummaa Oromoo kanneen qabsoo kana calqabanii har’a lubbuun jiran qabsoon bilisummaa Oromoo fiixa hinbaane seenaanis tahe sududaan dirqamni eenyuun olittuu isaanirra waan jiruuf qabsoo kana deebisan itichuun karaa irra turerra buusuu yookiin ammoo dhaloota si’anaatti kennu yoo baatan itti gaafatama yoomiyyu jalaa bahuu hindandeenyedha. Addaddumaan kamuu jiraatullee Oromummaafi Tokkummaa sabichaa dursuun qabsoo kana kanneen lubbuu isaanii wareeganii kanneen har’a harka diinaatti gidirfamaa jiran ofduuba deebi’anii laaluun akeeka jaallan sun itti kufan fiixa baasuuf halkaniifi guyyaa hojjechuu qaban.  Kanaaf, fiixa bahiinsa qabsicha milkeessuuf angafummaan dirqama itti turan san haaromsani akka itti fufan waamicha goona.
  5. WBO bakkuma jirtanitti akkuma kaleessa tokkummaafi bilisummaa  Oromoof ka wareegamaan harkaa amaanaa qabsoo fuutan osoo hingatiin hirbuu seentan san fiixaan baasuuf har’alleen osoo olola diinaa, asaassaafi rakkoo xixiqqaa si’ana dhalateef osoo gurra hinkenniin gootummaan akeeka qabsicha manaaf baatan saniif jabinaafi gootummaan akka itti fuftan.  Nulleen waan nurraa eegamu maraan ka yoomiyyu caalaa daran jabaanne isin cinaa hiriirra.

 

Injifannoon Uummata Oromoof!

Hawwaasa Oromoo Ugandaa

Kampaala, Ugaanda

Ebla, 2009


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net