(Maddda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 27,2009)Odeessi Riyaad irraa nu dhaqqabe akka ibsutti hawaasni Oromoo magaalaa Riyaadi fi naannawa isii jiraatu ayyaana Iidal Faxir sababeeffachuudhaan wala gahanii dhimma QBO irratti yaada wal dabarfatanii jiru.
Kabajaa ayyana iidaa kanarrattii bakka bu,aan dhaaba Jaal Enjineer Mohaammad Haajii argamudhaan haala qabsoo bilisummaa Oromo Adda bilisummaa Oromoon durfamurratti ibsa bal,aa godhanifii jiru.
Kabajaa ayyana iidaa fixrii kana sababa godhachudhaan hawaasni Oromo Riyaad caalbaasii, bittaafii Gurgurtadhaan Riyaala Saudi 9025 Qabsoo Bilisummaa Oromoof oluu gumaachuunis gabaafameera.
Manguddonni Oromoo bayyinaan ayyana iidaa kanarraa Qoda fudhachuudhaan eybaa fi gorsa gumaachuun hawaasaaf dhaamsa dabarsanii jiru. Dubartonnifi hawwan Oromos baayyinaan saganticha irraa hirmaachuun gabaafameera.
Haaluma wal fakkaatuun hawaasni Oromoo magaalaa Makkaa fi naannawa isii jiraatus ayyanuma kana sababeeffachuun walgahee dhimma QBO irratti mari’achuu fi qabsocha shaffisiisuuf kan oolus dinagdee gumaachuu oduun achi irraa nu gahe dabalee addeessa.
I.U.Of!!
|