(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 27,2009) Walgahiilee taneen irrattii kan argaman HD ABO J/Daawud Ibsaa fi J/Dr. Bayaan Asoobaa, Misseensa Gumii Sabaa ABO fi Dubbataa ABO ti.
Walgahiin kun kan egalame gootoota ilmaan Oromoo kan bilisummaa Oromoof jecha wareegaman daqiiqaa tokkoof dhaabatanii yaadachuu, faaruu alaabaa ABO fi ebba manguddootaa (Ob. Daani’eel Dafaa, Ob. Keeroo fi Aaddee Najiyaa Ahmad) tin ture.
Ebba Manguddootaa itti aansee Jaal Gulummaa Baalchaa, Dura Taa’aa Konyaa ABO Columbus, Ohio, HD ABO J/ Dawud Ibsaa fi J/ Dr. Bayaan Asoobaa MGS ABO fi Dubbataan ABO walgahii Oromoota Columbus, Ohio jiraatan irratti argamuu issaani fi hirmaatoota walgahii irratti argaman erga galatoomfatee boodaan HD ABO J/ Daawud Ibsaa waltajjii irrattii akka ummata walgahii irratti argameef ibsa kennan afeere.
Jaal Daawud Ibsaa, HD ABO, haala qabsoo bilisummaa Oromoo,haala gaafa Africaa, fi haala dinnan QBO irratti ibsa bal’aa kennan. J. Dawud ibsa isaanii keessatti QBO ilaalchisee qabsoo saba Oromoo injifannoon xumuruuf sabni Oromoo caalatti qoophaahuun akka irra jiruu hirmaattota walgahichaaf jabeessanii akeekani jiru.
Kanumaan waliiniis J. Dawud QBO jabeesuu fi injifannoo ummata Oromootiif dhaboolii siyaasaa Oromoo kanneen walaba tahan hunda waliin hojjachuuf ABOn akka qoophii kan ibsan yoo tahu tarii yoon waliin hojjachuun kan hin dandayamnee tahees, dhaabboliin siyaasaa bilisummaa fi mirga hiree murteeffannaa Oromoo dhugoomsuuf qabsaayan hundi, walirattii dhagaa darbuun dhaabbatee ykn hafee qabsoo fi irree teenya diinnan QBO irratti haa deebifnuu jechuun waamicha dabarsanii jiruu.
Ibsa bal’aa Jaal Dawud kennan kana booda hirmaattonni walgahii gaafiilee heddu fi yaada QBO jabeessu hedduu kennani jiru. Gaafiilee ummata irraa dhihaataniif Jaal Dawud Ibsaa fi J/Dr. Bayaan Asoobaa waldura dubaan debisaalee quubsaa fi ibsa gahaa hirmaattota walgahichaaf kannanii jiruu.
Hirmaattonni walgahichaas walgahiin fakkaataan osoo heddu adaa hin turre ykn yeroo gaggabaabaa keessatti akka tahuuf gaafatanii, walgahiileen marii ummataa hoggantoota Konyaa ABO Columbus, Ohio fi Hawaasaa Oromoo Columbus, Ohio tin yeroo irraa yeroon akka qophaawu walii galmee jira. Akka kanaan, walgahiin ummata Oromoo Columbus, Ohio hubannoo guddoo fi milkiin xumurameeti jira.
INJJIIFANNOO UMMATA OROMOOF!!
GADAAN GADAA BILISUMMAA TI!!!!