Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Yaadannoon Guyyaan Goototaa Ebla 18  Konyaan  ABO Stavanger magaalaa Stavanger, Norway keessatti qopheesse  milkii fi injifatnoon xumuramee jira.

(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 19,2009)Konyaan ABO Stavanger fi Hawaasni Oromoo naanoo Stavanger yaadannoo Guyyaa Gootota Oromo Ebla 18 magaala Stavange keessatti kabajatee ooleera.

Kabajan yaadannoo guyyaa goototaa faruu Alaabaa Oromoo farafachuun kan sirna o`aan banani da’imman Oromoo gana(waggaa) 6- 15 niin yeroo ta’u.Hirmannaan Da’immaan miidhagina guddaa kabaja guyyaa kanaaf kennee jira.

Itti gaafatamaan ABO Kutaa Iskandinavia J/Mohammoed Ahmed Hajii seenaa kabaja guyyaa goototaa  Oromoo bara baran Ebal 15 kabajam illaalchisee hirmaattotaaf  ibsa bal’aa kennanii jiru. Itti dabaluun guyyaan kun guyyaa  miseensonni WBO fi miseensonni ABO gootota Oromoo qabsoof wareegaman yaadachaa kaayyoo isaan irraatti wareegama bakkaan ga’uuf guyyaa irbuu seenan haaromsuun qabsoo itti fufan akka ta’e dhaamsa  dabarsanii jiru. J/Mohammeed hawaasni Oromoo tokkummaa Oromummaa tikfachuun qabsoo ABO gaggeefamu utubuun diina irraati akka xiyyeefatamu dhaamsaa dabarsanii jiru.
 
Itti aansuun miseensoni ABO koyaa Stavanger faaruu qabsa’oota wareegaman kan itti yaadanu faaruu ”maal jedhani jaalawa qaboof kufani jedhu” faarfachuun  iribuu seenan haarmsanii jiru.Akkasumsa diramaan Hoogana ABO olaanoo dirqamaaf bobbaa irra osoo jiraniin Biyya Somail keessatti kanneen wareegaman kan  yaadachiisu hirmaatota guyyaa kanaaf argisiifamee jira.

Galgala Aadaa irraatti Artistoota Oromoo jaalatamoo fi qabsoo Oromoo ABO gaggeefamu  keessati gahee guddaa kan qaban Artisti Abba Abashuu,Hirphaa Gaanfuree,Ilfnieeshe Qannoo fi Tottoba Taadasaa sirboota waraaqsaa fi gootota faarsaan  sirbaa uummata bashanasiisa turanii jiru.Keessuma Artist Ilfinesh Qannoo Waltajjii kana irratti argamuu fi sirboota warraaqsaa sirbuun ishee hirmaatota guyyaa kabaja kanaa fi Oromoota sagataa kan karaa ”Paltalk” hordofaa turanii mirqaanaa fi gammachuu guudaan kennee jira.

Dhumma irraatti Konyaan ABO Stavanger injifannoo fi gammaachuu guddaan Gootota keenyaa akka yaadannu kanneen nubira dhaabatan Artistoota keenya; Abba Abashuu,Hirphaa Gaanfuree,Ilfnieeshe Qannoo fi Tottoba Taadasaa guddoo galateefachaa, kaayyoo goototin keenya wareegamniif bakkaan ga’uu, dirqama dhaaba keenya irraa nutti kennamuu hojiitti hiikuu fi WBO bira dhaabachuuf irbuu seenani  haaromsanii jiru.

 
IUO’f! GGB ti!

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net