(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 20,2009)Yaadannoon Gootota Oromoo magaalaa biyya Germany Munshinitti banama kana eeba manguddootaa fi faaruu alabaa sirna o`aan baname.Baniinsa faaruu fi eebba maanguddoon booda,Jaal /Dr Shugut Geleta miseesnsa GS-ABO fi itti gaafatamaan Godina Awuroppaa wayyee seenna qabesuuma Guyyaa Goototaa fi haala Qabsoo Bilsiummaa Oromoo ABOn geggeefamuu irratti ibsi balaaan kennamee jira.
Ibsa isaanii keessatti Jaal Dr Shugut guyyaan kun guyyaa Goototaa Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoof wareegamaan hundaa kan yaadanu ta`uu addesanii jiru.
Akkasumas guyyaan kun guyyaa dhugaa fi dhabiin keenya ABO gootota qaqalii bara sadeetamoota keessa bakka tokkotti dhabe akka ta`ee ta`ee ibsaniru.
Akkumma haali nannoo hayyamettis suuraa fi maqaan gootota Oromo hanga tokko argisifamera.Suurooti kana biraatti ibsaan ibsaamera. Kunis qabsoo goototiin Oromo warregaman ifaa ta`uu isaaf ,qabsawaan yoo kufee qabsoon kan itti fufu ta`uu argisisaa.
Dhuma irratti walaaloon „Gooticha“ jedhu dubfame ,ibsa kenname irratti,yaada fi mariin geggefamee jira.Ummatin yaadannoo kana irratti argaman ibsa ejjennoo :-
1-Duguuggaa Sanyi baleesi dhaala nama irratti motumman TPLF geggesuu ni mormina,
2-Qabsoo ABOn durfamuu akka finninuu ciina dhabana.
3-Warregama QBO nu gaafatu hunda ni kafaala,
4-Dhabootin siyaassa gara garaa humina isaan tokko gochuun ummata keenya rakkinaaf salphina keessa akka baasani gaafatina.
5-gumaa gootota Oromoo basuuf qabsoo eegalame bakkan gahuuf,waan barbachisaa ta`ee maraan dhaaba ABO ciina dhabachuuf waada haroomsuun guyyaan yaadannoo kun milki gariin xumurame jira.
Injifatnoo Ummata Oromoof!!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!!
****<()>****
Munshiin(Germany)
Ebla 18,2009