Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Guyyaa gotootaa kan ABO konyaa Sweden magaalaa Istookolmitti haala owwaan kabajame oole.

 

(Ebla 12, 2009) Ayyaanni kabaja guyyaa gotootaa kan ABO konyaa Sweden gaafa Ebla 11 magaalaa Istookolmitti haala owwaan kabajame oole. Ayyaana kana irratti barreeysaa kutaa Iskaandineviyaa, koree hujii gaggeeysituu konyaa sweden ,miseensootaafi hawaasa jiraattoota magaalaa Sweden irratti arkamanii jiran.

Ayyaana kana kan hasawaan banan Itti gafatamaa konyaa sweden Jaal Ayyaanaa Gobanaa yammuu tahan, Ebli 15 maaliif akka ayyaaneefatamuufi kabajamu ibsa bal'aa irratti kannanii jiru. Itti aansuuniis Itti gaafatamaan diinagdee Jaal Galaanaa fi Itti gaafatamaa Adaa fi beeksisii Dr. Getaachaw Makonniniin haala guyyaa kana irratti ibsa godhanii jiru. Sagantaan kun Oromoota addunyaa mara irra jiran karaa sarara paltalkii Galama Qabsoo Bilisummaa Oromootiin hordofamaa kan ture yammuu tahu Jaal Kamaal Qalbeessaa miseensa buleessa ABO akka keeysummaatti dhihaatanii WBO akkamitti guyyaa kana akka kabajatu muuxannoo qaban ummataafi hawaasa oromoo addunyaa irra jiraniif ibsanii jiru. Akkasumas fallii amma jiru WBO cinaa dhaabbachuudhaan dhaamsa jaallan wareegamanii galamaan ga'uu akka tahu jaal kamaal cimsanii dhaamanii jiru. Jidduuniis sagantaa maatii gootawwan oromoo qabsoo irratti wareegaman gargaaruu kan ja'uun gumaacha maallaqaa godhameen maatii Gooticha ajajaa waraana WBO dirree dhihaa fii MGS ABO Jaal Laggasaa Wagii gargaaruuf kroona 6000.00 walitti qabamee jira.Qarshiin kuniis yeroo gabaabaa booda maatii isaaf ergama.  

Xumura irratti Barreeysaan kutaa Iskaandineeviyaa Jaal Tasfaayee Cimdeessaa haasawa guyyaa kana ilaalchisanii ilmaan oromoo biyyaa ambaa keeysa jiran yeroo kamiyyuu caalaa harka walqabachuudhaan diina irratti bobbahuun akka isaan irra jiraatu dhaamsa isaanii dhaamanii gootawwan qabsoo kana sadarkaa kanaan ga'aniif kabajaafii ulfinnii akka isaaniif laatamuun irra jiru dhaamanii jiru. Miseensootni Konyaa Sweden hundinuu waadaa isaanii haaromsanii gumaa jaallanii bilisummaaan baasuuf daran jabaatani akka hojjatan dhaamanii jiru. 

Sagantaan konyaa sweden kana irratti dubartootaafi dargaggoota irraahis bakka bu'uudhaan hasawni kan godhame yammuu tahu qophii bashannanaan galgallii ittii fufee haala bareedaan xumuramee jira. Karaa biraatiin gaafa Ebla 15 miseensoonni fi hawaasni oromoo konyaa kanaa sababa guyyaa kana godhachuudhaan magaalaa Istookholm walakkaatti sagantaa guuca qabsiisuu fi midhaa motummaan wayyaane uummata oromoo irraan gayaa jiru lammii biyya sanaa hubachiisuuf barreeyfamootaa fi suuraalee namoota ajjeefamanii facaasuudhaan kabajuuf sagantafatanii jiru.  

Qabsaawaan ni kufa Qabsoon itti fufa!!! Gadaan

Gadaa Bilisummaati!! Injifatnoo UUmmata Oromoof!!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!!

***<>*** 

Koree Hujii Gaggeeysituu KS


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net