(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 2, 2009) Konyaan ABO-Kibba Kalifornia teesso isaa magaalaa Los Angeles godhate irratti Ebla 25, 2009 Guyyaa Gootota Oromoo Sirna ho’an kabajee oole.
Baatiin Ebla kun sirna Kabaajaa Guyyaa Gootota Oromoo dhaan guutamuun Adunyaa maratti gaggeeffamaa jiraachuu isaa Odeeffatnoon yeroo addaa addaatti kara ABO tamsa’an ni addeessu.
Konyaan ABO-Kibba Kalifornias Guyyaa Seena qabeessa kana sababa gochuu dhaan walgahii miseensaa fi akkasummas Walgahii Ummataa qindeesssuu dhaan ayyaana kanaa Hawaasa Oromoo naanno Kibba Kalifornia (Los Angeles, San Diego, Riverside fi kkf) waliin kabajatee jira.
Ayyaana kana irratti qaama Hoggana ABO olaana bakka bu’uun dhan kan argaman miseensa GS-ABO fi dubbataa dhaabaa J/Bayaan Asooba yeroo ta’an bakka bu’an Koree Kuta ABO-USA J/Raggaasaa Oljirra isaan waliin argamuu dhaan miseensota, deggertootaa fi Hawaasa Oromoo naannichaaf ibsaa ballaa kennanii jiru. Jaallan hoogganota dhaaba kanattis dabalee beektoti Oromoo fi Abbootiin Amantis waltajjii Sirna Kabajaa kana waliin hirmaatuu dhaan barnootaa fi yaada jajjabinaa Ummatichaaf gumaachani jiru.
Ibsi Bakka bu’ota dhaabaa kan irratti xiyyeeffatee wa’ee seena guyyaa goototaa, haalaa Qabsoo Bilisummaa Ummata Oromoo yeroo ammatti ABOn gaggeeffamaa jiru, egeree Qabsoo Bilisummaa Ummata Oromoo fi akkasumas hawwi Bilisummaa bakkaan ga’uuf barbaachisumman ijaaramu fardi akka ta’e tartiibaan ibsan.
Ibsi Hoogganaa kun Sagantaa gaaffii fi deebi akkasumas mareen erga xumuramee booda haawasni qophii kana irratti argame Qabsoo Bilisummaa dhaaf Doolaara Kummaataman lakkaawwamu battalumatti arjoomuu dhaan saganta hafetti cehuun danda’ameera.
Qophiin kun Ebla 25, 2009 galgala itti fufuu dhaan Sagantaa bashannanaa qophaa’ee irratti Artist Abdii Nureessaa walleelee warraaqsaa fi jaalalaa wal duraa duubaan dhiheesse hawaasa sirna kana irratti argamee bohaarsaa ture. Galgalli kunis akkuma tilmaamametti Galgala Oromoo ta’uu dhaan Sirna kabajaa Guyyaa Gootoota Konyaa ABO-Kibba Kalifoornian qopha’e injifannoon akka xumuramu taasisee jira.
Qophii kanas milkeessuu irratti qoodni Koree Hojii Geggeessituu Konya ABO-Kibba Kaliforniaa bakka gudda akka qabu ibsaa galatni keessan Bilisummaa haa ta’u jenna
Injifatnoo Ummata Oromoof.
MOA