Guyyaan Gootota Oromoo Magaalaa Atlaantaa Georgia keessatti sirna ho’aa fi hamilee cimaan kabajamee jira. Kabaja ayyaana goototaa kanaa irratti hawwaasni Oromoo Magaalaa Atlantaa Georgia fi naannoo isaa jiran, akkasumas kutaalee (state) America naannoo Georgia kan akka Alabama fi Nashvil Teness jiraatanis irratti argamuun hirmaattuu ayyaana kanaa ta’anii jiru.
Ayyaanni kun agarsiisa viidiyoo waa’ee gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti darban ibsu agarsiisuunii fi eebba maanguddoon kan jalqabame yoo ta’u, itti fufuunis hoggantootaa ABO walgahii kana irratti argamaniin kabaja guyyaa kanaa fi haala qabsoon bilisummaa Oromoo yeroo ammaa kanatti irra jiru ilaalchisee ibsi bal’aan kennamee jira.
Miseensi Shanee Gumii fi gaafatamaan Damee Dantaa Alaa ABO J.Tamaam Yusuuf, Aaddi Bilisummaa Oromoo ABOn yeroo ammaa kanatti karaa waraanaa, Dipilomaasii fi bifa maraanuu, filma hiree murteeffannoo ummata Oromoof godhamaa jiru bal’naan ibsan.. Itti fufuunis mootummaa garboonfataa wayyaanee amma raafamaa jiru hundeen buqqisuuf falma cimaa yeroo Ammaa kanatti ABOn gaggeeffamaa jiru cinaa dhaabbachuun yeroo kamuu caalaa hirmaannaa keessan akka baatan jechuunis hawaasa kabaja ayyaana kanaa irratti argaman gaafatanii jiru.
Dura ta’aa konyaa ABO Atlanta Georgiaa J.Misbahaa fi dura ta’aa ABO kutaa USA Dr Junedii Juwaris sochii falma bilisummaa Oromoof naannoo Atlantaatti godhamaa jiruu fi guutummaa Amerkaa lafa miseensonni ABO jiranitti ta’aa jiru bal’inaan ibsanii jiru.
Georgia stet University ti barsiisaa seenaa kan ta’an hayyuun Oromoo Dr.Mohammed Hasanis kabaja ayyaana kanaa irratti argamuun haasaa kan godhan yoo ta’u, haasaa isaanii keessatti mootummaan Wayyaanee qabsoo umanni Oromoo gochaa jiru ittiin fachalsiisuuf akka meeshaa guddaatti kan inni itti gargaaramaa jiru, tokkummaa qabsa’otaa fi ummata Oromoo bifa hundaan diiguu imaammata jedhedhuudha. Kun ammo amala garboonfattoota maraa ti. Haalli dhiheenya mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti uumamees jarreen akkasiif gammachuu guddaadha. Kanaafuu garaagarummaa fi waldhabdee xixiqqaa nu gidduu jiru gama tokkotti qabuun fuula keenya gara diina keenya isa guddaatti haa deebfnu jedhaniiru.
Miseensonni, deeggartootnii fi hawwaasni Oromoo walgahii kana irratti argamanis ibsa kanameefirratti; Yaada jajjbinaa fi deeggarsaa kennan. Gaaffii fi deebii dheeranis erga gageeffameen booda, sagantaan gumaacha horiis itti fufuun battalumatti, doolaarri kumaatamaan lakkawamu qabsoo bilisummaa Oromoof galii ta’eera jira.
Sagantaa bishananaa irrattis artist Abdii Nuressaa argamuun halkan guutuu hawaasa kana bu’arsaa bulee jira. Ayyaanni guyyaa goototaa ebla 18 bara 2009 magaalaa Atlaantaatti ta’e kun qopheelee gurguddaa waggoota muraasaa as Atlantatti ta’an keessaa isa guddaa dha.
Injifannoon ummata oromoof!
Gadaan gadaa Bilisummaati!
Ebla 18, 2009