Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Bitootessa 28, 2009 Guyyaa Yaadannoo Gootota  /GYG/Canada Edmontonitti haala howwaan kabajame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 2,2009) Edmonton Canada irraa MOA akka gabaasetti Sirna kabaajaa kanaa irratti Hogganni dhaabaa olaanaan I/G Dhimma alaa ABO MSHG GS ABO J/Tamaam Yusuuf, Qondaalotni ABO fi MABO kutaa kanaadaa, akkasumas Deggertootni ABO Hayyootni Oromoo Professor Kuwwee Kumsaa, fi Professor Mohaammad Hasan irraatti argamuun hawaasa Oromoof  barnoota bal`aa kennaniiru.

Akksumas Caayaan Eelemoo Qilxuu tumsaa fi deggersa QBOf kennaa turan ammas gara fuula duraatti jabinaa fi ciminaan itti fufanii gumaata QBOf godhani  QBO ABO durfamtu hanga bilisummaan fiixa baatutti cimsanii akka itti fufan irbuu isaani irra deebiyanii haaromsaniiru.

MABO fi Deggertootni ABO, hawaasni Oromoo, caayaan Elemoo Qilxuus Dinagdee guddaa qabsoo bilisumaa Oromoof gumaachaniiru.

J/Tamaam Yusuuf Guyyaa Yaadannoo Goototaa ilaalachisee kabajaa ayyana  goototaa QBSO-f wareegaman kana akeekaa fi kaayyoo isaan irratti kufan bakkaan ga`uu fi gumaa isaanii baasuuf qabsoo bilisumaatti cimnee akka hojjennuu fi qabsoo finiinsuun  Oromoo fi  Oromiyaa gabrummaa jalaa baasuun abbaa biyyummaa keenya gonfannu waamichaa dabarsaniiru.Hawaasaa Oromoofis Ibsa bal`aa erga kennaniinduubagaaffii fideebi mana keessa ka`eef deebii ga`aa fi quubsaa kennaniiru.

Proofeeser Kuwwee Kumsaa Dhimmaa Jaarmiyaa dubartootaa irraatti barnoota bal`aa kennaniiru.Seenaa QBO keessaatti ga`ee fi qoondi shammarranii fi dubartoota Oromoo qooda olaanaa fi mul`ataa kennaa turan ibsuun gara fuula duraattis Jabinaa fi ciminaan gamtaa Hawaasa Oromoo tiksuun Tokkummaan QBOf tumsa barabachisu kennuun  Misaan QBO irraa utuu hin dangeffamiin ga`ee fi qooda Oromummaa fi lammummaa keenaya akka baanuu jechuun  waamicha  qaboo dabarsaniiru.

Peroofeeser Mohaammade Gochaa fi shira mootummaan Wayyaanee/Dhaabni ABUT/TPLF/ dhabbile siyaasaa Kan isheen morman toftaa adda addaan diigaa turtee fi dadhabsiisuun akka isaan jabatanii dura hin dhabbanne ragaa qabatamaan ibsuun Wayyaaneen ABO diiguuf keessa fi alaan shiraa fi okkara hin yaaliin hin  qabdu. Garuu itti milkaa`uu hindandeenye. ABO jabinaa fi cimina  jaarmiyaa fi Miseensota isan waan kana hunda irra aanee hanga ammatti dhaabaa fi Jaarmiyaa isaa cimsee WBO ijaaruun  hojii siyaasaa fi jaarmiyaa hojjetaa irraa aanee sadarkaa kana irraa ga`eera Kanaaf jabinaa fi cimina jaarmiyaa ABO gamtaa hogganootaa ABO dinqisiifatamuu qaba. yoomiyyuu taanaan Jabinaa fi cimina kanaan Jaarmiyaa keessan cimsuun Akeekaa fi kaayyoo ABO jalatti iriiruun QBO finiinsitanii saba keenya gabrummaa jalaa baasuun abba biyyaa akka taanu Dhaamsaa  hayyuumma isanii dabarsaniiru.

MABO Konyaa Gadaa Bilisummaa ga`ee fi dirqama keenya ammaan dura ba`aa turre har`as ta`e boris akkuma ammaan duraa dirqama dhabni keenya nutti kennu mara haal durummaa tokko mal`ee ba`uuf qophi ta`uu keenyaa irra deebinee irbuu keenya haaromsineerra!

Guyyuma kana galgalaa wallisa Oromoo beekama afi jaallatamaan Obbo Abbabbaa Abbashuu fi Obbo Elemoo Aliis hawasa Oromoo guutu galgala bashannansiissaa bulaniiru.

*****.(*).*****

Gumaa Gootota kenya wareegamanii qabsoon ni baafna!

Akeekaa fi kaayyoo Jaallan keenya irratati kufan ni tiksina!

Galiin ga`uufis Ni qabsoofna!

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net