(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 13,2009) Guyyaan atoomsa hawaasaa (Community Harmony Day) magaalaa Melbourne, Victoria - Australia keessatti guyyaa kaleessaa Adoolessa 12 bara 2009 sirna ho’aan dhaadhessamuu oduun naannicha irraa Madda Oduu ABO dhaqqabe ibsee jira. “Atomsa Hawaasaaf Deemi” (Walk for Community Harmony) dhaadhessa jedhuun yaamicha dhihaate kana irratti ummatni kumaatamaan lakkaayyaman qooda irraa fudhachuu oduun kun dabalee beeksise. Biyyoota gargaraa 200 ol tahan irraa Victoria – Australia keessa kan yeroo ammaa jiraatan qooda irraa fudhatan irraatti hawaasni Oromoo haala miidhagaan taheen qooda irraa fudhachuu isaa oduun kun eda’ee ibsee jira. Oromiyaa tarree biyyoota addunyaa keessatti mul’isuuf qoodni hawaasni Oromoo Melbourne guyyaa atoomsaa kana gumaache guddaa tahuu oduun ibse kun, ummatni Oromoo naannichaa Alaabaa Oromiyaa qabachuudhaan sirboota aadaan hawwannoo guddaa sirna ayyaanichaa irraa horachuu danda’uu isaanii oduun kun dabalee beeksise. Meeshaaleen sab-qunnamtii adda addaas (media), keessattuu, kanneen akka TV, radio fi marsaa Interneetaa madda oduu isaanii keessaa Oromoo tokko taasifachaa ooluu isaanii odu-himaan naannoo Melbourne irraa Madd Oduu ABOf dhaame gabaasee jira.
Guyyaan atoomsa hawaasa kun sanyi-balfattmmaa (racism) balaaleffachuu fi haala itti hawaasni ititee waliin jiraachuu danda’u dhaadhessuuf, akkasumas Victorian naannoo fi biyyooata kaaniif illee fakkii tahuuf dhaamsa dabarsuuf akka tahe bulchaan mataa mootummaa Victoria obbo John Brumby sirna kana irratti dubbachuu isaa oduun naannicha irraa argame dabalee beeksisee jira.
Oduu guyyaa atoomsa hawaasaa fi hirmaatnaa hawaasa Oromoo magaalaa Melbourne caalaatti ilaaluuf "Video Clips" armaan gadii kana furaa ilaalaa: