(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 21,2009) MOA akka gabaasetti Godina Walloo magaalota akka Baateefaa keessaa wayyaanotnii fi lukkeewwan isaanii barattoota Oromoo basaasuun badii osoo hin qabaatin akka hidhaman taasisaa jiran.
Haga ammaatti barattootni Oromoo sagalii ol ta’an hidhamuu isaanii kan ifa godhe oduun nu ga’e, lukkeewwan wayyaanee dharaan barattoota kana hiisisan keessatti basaasni Idiris Mohaammad jedhamu keessatti akka argamus hubatameera.
Basaasotni wayyaanee kan akka Idiris Mohaammadfaa ummataa fi barattootatti siqee kottaa ni ijaaramnaa jechuun oggaa basaasuuf yaalu, barattootnii fi ummatni itti dammaqee wayta didu wayyaanee itti waamee hiisisaa akka jirutu gabaafame.
Oromootni magaalota akka Baateefaa keessatti argaman lukkeewwan wayyaanee kan akka Idiris Mohaammadfaa irraa dammaqinaan akka of eeggatan sabboontotni Oromoo dhaamanii jiru.
MOA