Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti barattootni Oromoo wal gahii lukkeelee wayyaanee dhiitanii bahan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 24,2009) Odeessi nu gahe akka mirkaneessutti, Godina I/A/B magalaa Mattuu keessatti barattoonni Oromoo wal gahii ergamtoonni qophiissan irratti mormii kaasuun waltajjii lukkeelee dhiitanii bahan. 

Waxabbajjii 7 hanga 11,2009 adeemsisfamuuf kan karoorfame mariin lukkkeewwan wayyaanee barattoota miseensa isaanii taasifachuuf karoorfame kun, diddaa barattoota Oromoon fashalee jira.

Wal gahiin barattoota kutaa 10ffaa fi 12ffaaf qopheeye kun, waa’ee dhimma mata duree sabboonummaa fi Dimokrasii je’e irratti mari’atuuf akka yaadames odeessi Oromiyaa irraa nu gahe kun dabalee addeessa.

******

Filmaata dhufu irratti ummatni Oromoo na irratti ka’a sodaa jedhuun wayyaanotni dhaaba jalee isaanii OPDOtti ammuma caasaalee ukkaamsaa akka diriirsan ajaja itti dabarsan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 24,2009) Keessa beektotni akka ifa godhanitti mootummaan wayyaanee filmaata bara 2010 geggeeffamu irratti ummatni Oromoo akka isa irratti hin kaanee fi sochiilee ummataa fi dhaabotaa to’achuuf na gargaara kan jedhu karaa lukkee isaa OPDOn caasaa adda addaa diriirsuuf murteeffate.

Akka ajaja OPDOtti darbeetti sochiin ummataa fi kan dhaabota mormitootaa akka to’atamuuf caasaan ni diriirfama. Manneen barmootaa sad.1ffaa fi 2ffaa keessatti caasaa fi seelii odeeffannoo dhaabuun sochii barattootaa hordofuunis karoora wayyaanee keessaa isa tokko. Miliishaa gandaa fi humna eeggataaf leenjii loltummaa kennuun ammuma irraa tarkaanfiif qopheessuu kan jedhus keessatti argama.

Meeshaa waraanaa namoota harka jiru ji’a 3,3n to’achuun akka meeshichi mormitootaa fi ummata harka hin seenne hordofuu, darbees meeshaa waraanaa sakatta’uu kan jedhus dirqama OPDOtti kenname keessaa isa biraa ti.

Ummatni ilaalcha mormitootaa akka hin fudhannee fi hin tarkaanfachiifne goona maqaa jedhuunis ganda hunda keessatti to’annaan akka godhamu, rakkoon yo uumame tarkaanfiin kamuu akka fudhatamu kan jedhu ajaja OPDOtti wayyaaneen darbee dha.

Ummatni Oromoo bakka jiru maratti karoora diinni isa irratti baafatee ittiin aangoo isaa jabeeffachuuf hojjechaa jiru hubatee tokkummaan dura akka dhaabbatee fashalsu sabboontotni Oromoo dhaamsa dabarsaniiru.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net