(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 7,2009) Oduun Godina I/A/Booraa irraa MOA dhaqqabe akka ifa godhutti, yeroo mootummaan Wayyaanee fi ergamtuun isaa OPDOn qotatee bultootni Oromoo quufanii miliyoonera ta’an jechuun ololaa jiran kanatti, Godinicha keessatti jiruu fi jireenyi qotatee bultootaa harkatti babbadee baqachuu irratti argamu.
Keessaahuu qotatee bultootni gandoota naannoo magaalaa Mattuu kan akka ganda Adallee Gumar faa hiyyoomanii waan afaanitti deebifatan dhabuu irraa qe’ee gadi dhiisanii bakka biraatti godaanaa jiran. Qabeenya, loonii fi mana gurguratanii bakka biraatti kan godaanaa jiran hedduu ta’uun gabaafameera.
Obbo Taammiruu Maammoo, aadde Olaanii Sarboo, obbo Guutaa Dhaabaa, obbo Taajuu Booruu Lammaa, obbo Taarraqeny Waggaa, obbo Tasfaayee Horaa, obbo Geetaachoo Maammoo, obbo Girmaa Tulluu, obbo Geetaachoo Bayyanee, akkasumas ganda qotatee bulaa Koodoo Hirii jedhamu keessaa obbo Shoogaa Dhaabaa, obbo Biraanuu Waaqtolaa, obbo Girmaa Kabbadaa fi obbo Tasfaayee Qananii qotatee bultoota maatii isaanii diiganii buqqa’an keessatti argamu.
Godina I/A/Booraa keessatti jiruu fi jireenyi murnoota hawaasa Oromoo hundaa haala gaddisiisaa irra jiraachuu kan ibsan maddeen keenya, wayyoomina jireenyaa mootummaan wayyaanee fi lukkeen isaa OPDOn ololtu dhara ta’uu mirkaneessan.
******
Malaammaltummaan kan cuuphamte dhaabni jalee wayyaanee OPDOn wal gahii Adaamatti taa’aa jirtu irratti miseensonni ishee wal nyaataa akka jirtu dhagahame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 7,2009) Odeessi gola OPDO keessaa SBO gahe akka addeessutti, ergamtootni wayyaanee OPDOn magalaa Adaamatti mariif wal geessee saamicha qabeenya ummataa raawwatan irratti wal nyaachaa jirti.
Teessuma guyyoota 10niif adeemsifamaa jiru kana irratti saamicha Oromiyaa geessatti rawwatan irratti wal rakkaa jiran. Bajeta dhaabbanni gargaarsa daa’immanii UNICEFiin kenname fi konkolaattota arjoomtonni gargaarsa fayyaaf laatan OPDOn saamte irratti marii godhameen atiitu saame fi isatu saameen wal quncisuu irratti argamu.
Ogeeyyonni fayyaa Godinaalee Shawaa Lixaa Ona Jalduu, Horruu Guduruu fi Harargee Bahaa, fi naannoolee biroo keessatti saamicha geggeefame kana saaxilanii jiru. Wal gahii magaalaa Adaamaa keessatti adeemsifamaa jirtu tana irratti Minaasee Walda Goorgis gaaffiilee saamcha kana ilaallatan deebisuu dadhabee miseensota isaa waliin mataan dhukkubaa akka jiru odeessi kun dabalee addeessa.