Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Giddu Galeessa Oromiyaa keessatti dararaan dhaabni maxxantuu OPDO ummata irratti raaw’atu hammaate, mormiin ummataas babal’ate.

(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 10,2009) Odeessi giddu galeessa Oromiyaa irraa nu dhaqqabe akka hubachiisutti dabballoonni OPDO ummata sirna isaaniif buluu dide irratti tarkaanfii abdii kutannaa fudhachaa jiran.

Naannoowwan akka Amboo fi kan biroo keessatti ummanni walgahii dabballoonni OPDO waaman irratti argamuu diduu fi, yoo irratti argames gaaffiilee jajjaba kaasuun ergamtoota muddaa jiraachuu tu hubatame.

Gaaffiilee ummanni ergamtootaaf dhiheessaa jiru keessaa: osoo ummatni beelaa fi hiyyummaa hamaadhaan waxalamee waywayaataa jiruu dinagdeen guddate, misoomni ballate jettanii nutti hin xibaarinaa, lafa Oromoo sababa investimentii jedhuun saamtanii gurgurachaa jirtan hatattamaan akka dhaabdan, maqaa xaahoo fi sanyii filatamaa jedhuun ummata hiyyeessa saamuu nurraa dhaabaa kan jedhanii fi kan biroos ni argamu.

Dabballoonni OPDO gaaffiilee ummataa kanaaf deebii dhabanii walii isaanii qeequu fi wal saaxiluutti deebi’uun kan gabaafame oggaa tahu, ummata sirnichaaf hin jilbeenfannu jedhee mormii dhageessisaa jiru irratti haloo isaanii bahachuuf tattaafataa jiraatuunis beekameera.

******* 

Magaalaa Amboo fi naannoo isiitti wal diddaan hojjetoota mootummaa fi dabballoota wayyaanee gidduutti dhalate hammaachuun gabaafame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 10,2009) Akka maddeen keenya magaalaa Amboo irraa gabaasanitti dabballoonni wayyaanee hojjetoota mootummaa doorsisanii miseensummaa guuchifachuuf ijibbaatan illee hojjettoonni dhamaatii dabballoota diinaa kana bu’aa malee hambisuu tu hubatame.

Keessumattuu hojjetoonni misooma qonnaa fi oggeeyyiin fayyaa gaaffii dhimma Oromoo ilaalu tokko illee yoo kaaftan ni hidhamtu jedhamanii wal gahii irratti akka doorsifaman hubachuun danda’ameera.

Haa tahu malee hojjettoonni mootummaa magaalaa Amboo fi naannoo isii doorsisa ergamtoota diinaaf osoo hin jilbeenfanne, gaaffiilee bu’uuraa kaasuu akka itti fufanii jiran beekuun danda’ameera.

Dabballoonni OPDO ejjennoo hojjetootaa kanatti aaran gama isaaniitiin hojjetoota hanga tokkoo fi barattoota godinaa Shawaa Dhihaa qabanii hidhuunis beekameera.

Oduudhuma wal qabatee nu dhaqqabeen ammoo, Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii karaa UNICEF kunuunsa daa’imman Oromiyaaf gumaache Birrii miliyoona 20 dabballoonni OPDO ukkaamsanii hambisuun, warra  walgahii isaanii irratti hirmaatuuf akka durgootti kafalaa jiraachuunis saaxilameera.

Maallaqa kana itti gaafatamaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa kan tahe namni Shaaloo jedhamu fuudhee gara Biiroo Qonnaa Oromiyaatti dabarsuudhaan, maallaqichi karaa sanaan durgoo miseensota OPDOoof akka oolu murteeffamuun hubatameera.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net