(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 22,2009) MOA Adaamaa irraa akka gabaasanitti, gaazzexeessitootni Raadiyoo fii TV.nii Oromiyaa, ji’a Adoolessaa irraa qabee miindaan isaanii percentiin irraa citaa waan jiruuf, mormii qaban dhageessisaa jiru.
Miindaan gaazzexeessitoota kana irraa kutamaa jiru waajjira OPDO haaraa ijaarama jedhamuuf oolfamaa jiraachuu maddeen kun eeraniiru.
Gaazzexeessitootni kun miindaan isaanii irraa citaa jiraachuu kan hubatanis xumura ji’aa irratti wayta maallaqa isaanii fudhatanitti.
Gaazzexeessitootni kun osoo itti hin himamin miindaan isaanii irraa muramuutti aarii qaban hadheeffatanii dubbachuunis himameera.
Miindaan irraa kutamuun kan irra jiru warra miseensummaa OPDO qaban qofa irraa ta’uutu irra ture kan jedhan gaazzexeessitootni kun, wayta jireenyi ulfaataa dhufe kanatti maallaqni keenya nu irraa cituun sirna miti jechuun mormaniiru. Osoo quba nu hin qabaachisin nu irraa kutuunis hoogganootni OPDO tuffii nuuf qaban mul’isa jedhaniiru.
*******
Godina Shawaa Lixaa keessatti dabballoonni dhaaba jalee wayyaanee OPDOn daa’ima ganna 12 deeggaraa ABOn yakkan.
(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 22,2009) Ergamtoonni dhaaba ergamtuu wayyaanee OPDO daa’ima waggaa 12 Baqqalaa Iddoosaa je’amu ABOf basaasta shakkiin je’uun qabanii yeroo dheeraf hiraarsa erga turan booda daa’imni kun yeroof harkaa miliquu dandahee jira.
Gurbaan ganna 12 Baqqalaa Iddoosaa je’amu kun haadha isaa barbaacha xalayaa hayyamaa waajjira mootummaa naannoo isaa irraa barreeffatee deemaa akka ture odeessi kun ni mirkaneessa.
Dabballoonni wayyaanee xalayaa hayyamaa daa’ima kana erga irraa fuudhaniin booda ABOf basaasta shakkiin je’uun guyyaa tokkoof gidirsaa turan. Daa’imni kun carraa argatee yeroo jalaa miliquu dandahus eessa buuten isaa dhabamee jira. Sirni wayyaanee gaaddidduu isaa baaragaa jiru deeggartoota dhaabota mormitootaa maqaa je’uun lammiilee biyyatti bahaa fi gala dhoorakuu irratti argama.
MOA
|