(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 16,2009) Barana yeroo sadaffaaf kan geggeeffamu dorgoommiin mata duree ‘Run For Oromia’ yookiin ‘Oromiyaaf Fiigi’ jedhuun beekamu kun Dilbata dhufu Onkoloolessa 17, 2009 magaalaa Miniyaapooliis bakka Lake Nokormis jedhamutti akka raaw’atamu gabaafameera.
Dorgoommiin Run For Oromia kun guyyaa fi bakka eerame kanatti ganama sa’aa 9 irraa qabee kan eegalamu yoo tahu, atileetonni dorgoommii kana irraa qooda fudhatan baay’een qophii xumuratanii gara sanitti sosso’aa akka jiran beekuun danda’ameera.
Run For Oromia n baranas akkuma baratame dhalattoota Oromoo dabalatee atileetota biyyoota gara garaa irraa dhufan baay’ee akka hirmaachisu hubatameera.
Dorgoommiin kun kan qophaawu abbaa qabeenyaa Obbo Maayik Abbabaan kan bu’uureffame jaarmaya Oromummaa dagaagsuuf hojjetu kan Oliiqaa Faawundeeshiin jedhamuun akka tahe beekamaa dha.
Sagantaa Run For Oromia baranaa kana irratti dorgoommiiwwan meetira 5,000 fi 10,000 kan geggeeffaman tahuu odeessi marsaa Oliiqaa Faundeeshiin irraa arganne ni hubachiisa.
Dorgoommiin fiigichaa Run For Oromia waggaa waggaan Miniyaapooliis keessatti wayta geggeeffamutti magaalattiin alaabaawwan ABOtiin faayamtee akka ooltu ni beekama.
|