Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ficilli barattoota Oromoo Geedoon qabsiifame ammallee itti fufuu irraa manni barumsaa Geedoo akka cufamu dabballoota Wayyaaneen murteeffamuu isaa maddeen gabaasan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 3,2009) Humnoonni Faashistii Wayyaanee barataa Wandimmuu Daammanaa ajjesuu isaaniitti fufee kan babal’ate fincilli barattoota Oromoo Mana Barnoota Sadarkaa 2ffaa Geedoo fi naannoo sanii ammayyuu hin dhaamin akka jiru hubatameera.

Dabballoonni Wayyaanee barattoota kana gowwoomsanii callisiisuuf jecha itti deemanii haasofisiisanis barattoon diddaa isaanii dhageesisuun yaada wayyaanotaa harkati fashalsuu maddeen keenya gabaasanii jiran.

Dabballoonni sirnichaa ejjennoo cichoomina barattoota kanaatti aaran man barumsichaa yeroo hin beekamneef akka cufamu murteessanii barsiisota mana barumsichaas bakka adaa addaatti facaasuuf akka qophaan maddeen keessa beekan saxilaniiru.

Kana malees barsiisotaa fi barattoota hedduu kan hidhan yeroo ta’u barsiisota hidhaman keessaa, Abbabaa Shifarraa barsiisaa Afaan Oromoo, Biraanuu Dirribaa barsiisaa Afaan Oromoo, Rabbumaa Guutuu barsiisaa Kemistirii, Taammiruu Tunnee, barsiisaa Barnootra Herregaa ,Obbo Fiqaaduu Baanjaa fi Obbo Tafarii kan jedhaman hojjetaa waajira manneen barumsa aanaa sanaa yeroo ta'an oromoonni kun hundinuu sababa miseensa isaanii hin taane qofaaf yakkamanii mana hidhaatti dararamaa jiran.

********

Mootummaan wayyaanee afaan qawween ummata bulchuu dhaabuu akka qabu paartileen mormitootaa Oromoo gaafatan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 3,2009)Warraaqsi Federaalistii Dimokraatawaa Oromoo fi Kongirensiin Ummata Oromoo ibsa gamtaan gidduu kana baasaniin, mootummaan wayyaanee afaan qawween humnaan ummata ukkaamsee bituu dhaabuu akka qabu gaafatan.

Filmaata bara 2005 geggeeffameen mootummaan wayyaanee mo’amuu kan yaadachiisan paartileen Oromoo kunniin, mootummichi haala yeroo darbe isa mudate ijaa ba’uuf, filmaata bara 2010 mo’achuuf humnaa olitti tarkaanfii ukkaamsaa fudhachaa jiraachuu isaa saaxilan.

Warraaqsi Federaalistii Dimokraatawaa Oromoo fi Kongirensiin Ummata Oromoo ibsa isaanii keessatti, mootummaan wayyaanee miseensotni paarlamaa mormitoota ta’an ummata waliin wal arganii akka hin mari’atne dhorkuu addeessan. Sirnichi hojjettoota hojii irraa dhorkaa fi buusii akka buusaniif dirqaa akka jirus saaxilaniiru.

Dhuma irratti mootummaan wayyaanee dhiittaa mirga dhala namaa geggeessaa jiru akka dhaabuu fi qondaalota mootummaa hojii farrummaa fi seerawaa hin taane irratti bobba’anii jiran irratti tarkaanfii akka fudhatu gaafataniiru.

Godina Dhiha Shawaatti dhiittaan mirga dhala namaa hammaataan geggeeffamaa akka jiru maddeen gabaasan.

Burqaaleen oduu Finfinnee Bitootessa 27,2009 akka gabaasanitti, hidhattootni mootummaa wayyaanee Godina Shawaa Lixaa Ona Miidaaqanyii keessatti ummata mirga sarbuun miidhaa guddaa irraan ga’aa jiran.

Akka gabaasa maddeen kanaatti hidhattootnii fi poolisootni sirna wayyaanee manneen ummataa seeraan ala cabsanii seenuun sakattaa geggeessaa fi ummata hiraarsuu irratti argamu. Sababiin hidhattootni wayyaanee ummata gidirsaa jiraniif mootummaa keenya deggeruu diddanii mormitoota deggertu jechuun akka ta’e gabaafameera.

Kana malees, poolisootni wayyaanee hidhamtoota mana hidhaatti argaman mirga isaanii dhiitanii akka hiraarsanii fi tortue godhan maaddeen kun dabalanii eeraniiru.

Jiraattotni Ona Miidaaqanyi hedduun isaanii miseensa dhaaba jalee wayyaanee OPDO akka ta’anii fi maallaqaan deggeran dirqisiifamaa jiru jechuun burqaaleen kun ifa godhaniiru.

Bulchitootni OPDO Onicha bulchaa jiran ummata Onichaaf karaa makiinaa, bishaan dhugaatii fi ibsaa galchuufii hanqachuun rakkoo hawaasummaa cimaaf akka saaxilanis ibsameera.

******** 

Barattootni Oromoo Yunversitii fi Kolleejjota dhuunfaa naannoo Ambooo walitti dhufanii dhimma QBO irratti mari’atan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 3,2009)Yunversitii Amboo fi kolleejjota dhuunfaa naannoo Amboo keessaa kan baratan barattootni Oromoo dhiheenya kana walitti dhufanii dhimma QBO irratti mari’achuun ibsa ejjennoo baafatan.

Maadhelee adda addaa jalatti gurma’anii socho’aa kan jiran barattootni Oromoo dhaabbata barmootaa olanaa Amboo kunniin ibsa ejjennoo baafataniin, tokkummaa barattoota Oromoo maraa daran jabeessuun QBO ABOn durfamu galiin ga’uuf waan danda’an jabinaan akka hojjetan waadaa seenan.

Ummatni Oromoo sabboontota Oromoo mana hidhaa wayyaanee keessatti gidirfamaa jiran waan danda’aniin akka gargaaranis waamicha godhaniifii jiran. Dhaabotni Oromoo walabnii fi bilisummaa Oromoof qabsa’an hundi dhimma QBO irratti waliin hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Dhuma irratti barattootni Oromoo Yunversitii fi Kolleejjota dhuunfaa naannoo Amboo gumaa qabsaawota Oromoo bilisummaa Oromoo argamsiisuuf wareegamanii baasuuf, ummata Oromoo qabsootti si’eessanii, waliin qabsaa’uuf murteeffachuu isaanii beeksisan.

Mootummaan Wayyaanee Olola QBO ABOn durfamu irratti oofu itti fufuun, ammas diraamaa dharaa qindeessee qilleensatti baasuuf qophii xumurachuu isaa maddeen saaxilan.

Maddeen amanamoon akka saaxilanitti sirni Wayyaanee namoota fayyaaleyyii siyaasaa irraa quba hin qabnee mallaqaan bituunii fi gantoota qabsoo sabaa keessaa baqatanii harka itti kennata walitti guuree diraamaa dharaa irraa tolchee miidiyaa isaa ololaaf dhaabbattetti gad baasuuf qophii xumurateera.

Odeessi gola Wayyaanee keessaa bahe kun akka saaxilutti diraamaa dharaa ummata Oromoo abdii kutachiisuuf hojjatame kana keessatti namoonni hedduun maaallaqaan bitamanii hirmaataniiru.

Namoonni maallaqaan bitaman kunniin akka waan miseensota WBO turanitti leenjii humnoota tikaa Wayyaanee irraa kennameefiin fiilmii gola Wayyaanee keessatti oomishame kana keessatti akka hirmaatan oduun kun ni saaxila.

Diraamaan QBO irratti fuulleffate haaraan kunis itti fufuma diraamaalee dharaa kanaan dura ABO irratti qindaawaa turani ta’uu kan akeekan maddeen amanamoon, ummanni Oromoo olola rakasaa Wayyaanee kanaan osoo hin afan-fajjawiin qabsoo isaa jabeessee akka itti fufu dhaaman.

******* 

Barattoonni Oromoo Yunversiitii Haramaayaa ayyaana jalee wayyaanee OPDO irratti uffata garagalchanii uffachuun mormii sirnichaaf qaban agarsiisan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 3, 2009)Sab-boonton barattoota Oromoo Yunvesiitii Haramaayaa ayyaana OPDO irratti uffata garagalchanii uffachuun jibbaa fi gadda guyyaa kanaaf qaban agarsiisuun oduun achi irraa nu gahe hubachiiseera.

Barattoonni yuniversiitichaa yaada maddeen oduu walabaaf ibsataniin, kana goochuun keenya mormii sirna kanaaf qabnuu fi deeggarsa QBO ABOn durfamuuf qabnu karaa ittiin ibsannu keessaa tokko jedhan.

Barattoon kuniin nami seenaa isaa fi enyumaa isa hin beekne Harreedha nuti seenaa fi enyumaa keenya tolchinee beekna, kanaaf ayyaanni jalee wayyaanee OPDO nu hin ilaallatu guyyaa kana gadda keenya ibsanna malee hin kabajinu jechuun hubachiisan.

Barattoon kun itti fufuun, nuti yoomuu dhaaba keenya ABO cinaa hiriirree jira , hanga QBO jalqabame kana galmaan geenyutti waan nu irraa barbaachisu hunda ni gumaachina jechuun waadaa isaanii harofatanii jiru.

Barattoota Mana Barumsa Olaanaa fi Qophaa'ina Geedoo irraas lakkoofsi isaanii sirriitti kan hin baramin hidhamuu isaanii oduun kun dabalee hubachiiseera.

Kana malees Obbo Dinqaa Kumsaa namni jedhaman Mana Barumsa Gabaa Kamisaa irraa waraana wayyaaneen akka malee reebamanii yeroo ammaatti du'aa fi jireenya gidduutti akka jiran tahuu oduu wal qabatee nu dhaqqabe irraa hubachuun danda’ameera.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net