Walga`iin mabo fi deggertoota abo kutaa kanaadaa konyaa albartaa magaalaa edmeenton milkii fi injifannoon xumuurameera.
Wal gain kun akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddoon eegalamee
Itti aanuun Faaruu Alaabaa ABO itti fufee hirmaatottaan faarameera.
Itti aasuun MGS dubbi himaan ABO J/DR Bayyaan Asoobaa Wal ga`ii sirnaan bananiiru.
Itti Aansuun Hayyuu Oromoo Peroofeeser Asaffaa Jaallataa Keessummaa kabajaa ta`anii wal ga`ii kana irraatti afeeramaanii dhiyaataniiru.
Wal ga`ii kana irraatti MABO fi dergertootni ABO ,akkasumas Bakka fageenya fagoo irra amna dheeraa deemanii dhufanii kan wal gal ga`iikana irraatti qooda fudhatani Sabboontotni ilmaan Oromoo Kutaa Kanaadaa Konyaa Saskaachuun,Giraandi- Pereree,Buruksii,Kalgaarii fi Edmeenten irraa bayyenaan walittu dhufuun Walga`ii kana irraattii bal`inaan qooda fudhataniiru.
Akkasumas Firoottan QBO fi firoottan Oromoo fi Ollaa Oromiyaa ta`an bakka Bu`aa sochii Biyyoolessa Ogaaden/ONLF/,Bakka bu`ootaa Komintii Eriteraa, sabootaa Bicuu fi kanneen qubtumaan Oromiyaa keessa jiraatan keessaa Kan akka Komuniitii Itiyoophiyaa fi kaneen Mootummaa Wayyaaneen mormanii jaarmiyaa addaa addaa kan irrati irraamatee wal ga`iin kun haala bareedaa fi marii jajjabduu dhimma QBSO,dhimma Sirrna bulchiinsa mootummaa Itiyoophiya/Wayyaanee/haalaa nagaa fi diimokiraasii ,mirga sabaa fi sablammoota Impaayera Itoophiyaa keessaa jiranii fi kaneen qubutumaan Oromiyaa keessa jiraniirratti kan mariyachiisee ,akkasumas kanneen Mootummaa Itiyoophiyaa Wayyaanee waliin mormanii waliin akkamiin bifa gamtaan Diina waloon qabanu irratati gamtaan Hojii siyaasaa fi jaarmiyaa waliin hojjennee Qabsoo gamtaa goonee waliin Mootummaa Wayyaanee sirna gadaa bittaa isaa sabootaa cunqurfamoo irraatti miidhaa gara malee, hidhaa fi ajjeechaa daangaa hin qabne geessesaa jiru irraatti marii gamtaa geggeeffameera.
Wal ga`ii kana irraatti Hayyuun Oromoo Proofeesseri Asaffaa jallataa Midhaa fi dararamaa sanyii balleesuu fi dhabamsiisuunMootummaan Wayyaanee Saba Oromoo, Ogaaden irratati raawwataa turee fi itti jiru qabatamaan waan Suuraa fi Viidiyiin wal qabsiisee manaaf ibseera.
Walumaa galatti Mootummaan wayyanee Kan Olaantummaa saba Bicuu/Tigiraayiin durfamaa jiru kan Sirna bulchiinsa isaa mormoo fi mirgi dhala namaa akka kabajamuuf isa gaagaafatee fi diimokiraasiin dhugaa biyyaattiitti akka mul`atu gaafatan ati ilaacha mormitootaa qabda dhaaba siyaasaa ABOdeggerta. Ogaaden /ONLF/ dgertaan dabrees kan ilaam Tigiraayiirraa afan kamiyyu mootummaa wayyaaneen cunqurfamaa jiru. Hidhamaa fi ajjeefamaa, kaan biyyaa hariyatamaa jiru.
Kanaaf mootummaan kun mootummaa mirga sabaa fi sablamotaa eegee fi tiksee sirna bulchiisaa gariif I qajeelaa ta`e n wal qixxummaan biyya sana bulchaa hin jiru.
Keessumaa ammo yeroo ammaa Akkataan sirni bulchiinsa Mootummaa Itiyoophiyaa/Wayyaanee Tigiraay geggeessa jiru kan duraaniirraa gara fuula duraatti haalaan sodhaachisaa fi dukkanaa`aa kan ta`e ta`uu isaa jala muranii manaaf ibsaniiru.
Kanaaf ani sodaan ani qabuu fi Itiyoophiyaan gara fuula duraatti maal ta`uuf deemtii?
Jechuun soda qabanii sadii lafa kaa`aniiru.
Itiyoophiyaan amma akka Wayyaaneen itti jiru kanatti,1/Ruwaandaa YKN, 2/Uguzilaaviyaa ykn 3/Aferikaa Kibbaa ta`uun ishee waan hin mamsiifne jechun Sodaa qaban afaan guuttachuf hirmaattota koraaf ibsaniiru.
Ani garuu jedhan Pro.Asaffaan akka jedhanittii Hawwii fi fedhiin kiyyaa Itiyoophiyyaan Afirikaa Kibbaa akka taatu hawwuu fi fedhii qaban ibsataniiru.
Itti Dabaluun POR.Asaffaa Jaallaata hawaasaa Oromoof barnootaa waayee Oromoo fi Oromummaa, akkamii fi haala kamiin sabboonummaa fi Oromummaan saba Oromoo keessaatti dagaaguu fi damboobuu danda`aa irraattii seenaa jalqabaa ykn bu`uureffamuu ABO bara 19 70 Irraa kaasee ahhootaa fi goototaa Qabsaawotaa Ilmaan Oromoo Bilisummaa saba isaanii fi walabummaa biyya isaaniif jecha lubbuu isaanii wareegamnii dabranii fakkeenyaa kaasee maqaa gootottaa tarreessuun dubbateera.
DEEBII.J/DR.Bayyaan kennan Gaaffiin ABO ini duraayyu sanuma. Mirgi filuu fi fi,amuu, carraan waayee kee ati dubbatadhu Oromoo, kan siif ta`u ati filadhuu fi Filmaan haqaa ffid hugaan karaaa diimokiraatawaa ta`een loogii tokko malee akka geggeeffamuu ykn haalli kun akka aanja`u kan jedhu gaafataa ture. Garuu Mootummaan Wayayanee kan aangaa harkaa qabu Qawwee ummataa Hacuucaa jiru Filmaataa ofii filee, ofii filamuu, ofumaa bu`uumee ofumaa xumuuruu kun dhura fi waraqaan malee kan dhugaan hinjirre ta`u Kana firaa fi diinni/Addunyaanuu dharaa wayyaanee kana hubatee itti da mmaqaa akka filmaanni dhugaa fi haqaa biyya sana keessaatti hin geggeeffamiinii fi geggeeffamuu hi dandeenye addeessaniiru.
Kanafii gaaffiin Gaaffiin ummataa Oromoo fi Qabsoon sabootaa Cumqurfamoo gaaffii mirgaa fi diimokiraasii haqaa fi dhugaan biyyattii keessatti akka mul`atuu fi kabajamtudha.
Kaanaf ammo mootummaan Mallasaa aangoo humnaan qabatee Qawween biyya bulchu karaa naaga fi diimokiraasaaiin gaaffii sabaa fi sablammootaa deebisuurraa namootaa hiriiraa naaga ba`aanii gaaffii mirgaa gaafatani barattootaa Oromoo kumma fi kitilaan lakkaawamanii rasaasa itti roobsee, mana barumsa boombiin barbadeessee barattootaa meeqa reeffa walirraa tuuleera. Maanguddoo fi hawwan , Dargaggoo fi shammaran , walistootaa Oromoo meeqaa fi meeqatama ajjeesee bosona keessaatti reeffa gatee irbaataa allaatii fi waraabessaa godheera.
Kanaaf namootas ta`e jaarmiyaan mootumama akksiif falmuu fi baamsuu yoomiyyu diinotaa saba Oromoo fi Gufuu QBSO ta`uu isaanii ammo yoomuu addeessinee itti himna.
Jedhaniiru.
Xumuura irraatti gaaffii mana akeessa ka`ee fi yaadaaarii fi mormii dhiyaatee irraatti ibsi bal`aa fi deebiin gaa`aan erga kennameen duubatti hirmattotni wal ga`ii deebii gaa`aa argatanii itti quufuun yaadaa gammachuu fi hubannoo argatanirraatti yaadaa gamachu ibsachuun wal ga`ii keenya sirnaan xumuurreerra,
J/DR.Bayayanis yoomuu taanaan ABO kan diimokiraasii haqaa fi dhugaaf dhaabbatanii fi mirka dhala namaa kan wal qixxumaaf qabsaawan kamii waliin waliin hojjechuf ABO qophii ta`uu isaa ibsee, Mirga hiree murteeffannaa sabootaa ammo haalduree tokko malee kabajamuu akka qabuu fi ABOn akeekni qabsuu isaa kana ta`uus addeesseerraf.