(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 24,2009) MOA magaalaa Finfinnee irraa akka gabaasetti, sirni Wayyaanee lammiilee Oromoo adamsee manneen hidhaatti naquu itti fufeera.
Haaluma kanaan baatii Fulbaana 2009 kana keessa miseensota maatii tokkoo kan tahan ilmaan Oromoo
- Malkaamuu Ababaa,
- Malkaamuu Tarrafaa fi
- Baay’isaa Tarrafaa
Kanneen jedhaman mana hidhaa Maa’ikalaawwiitti naqamanii hiraarfamaa jiru.
Sirni Wayyaanee yeroo ammaa kana guutummaa Oromiyaa keessaa magaalaa fi baadiyyaatti ilmaan Oromoo manneen hidhaatti guuraa jiraachuu kan addeessan sab-boontonni Oromoo, hidhaa fi hiraarsa sirnichaaf jalbeeffatanii qabsoo irraa kan duubatti hin deebine tahuu hubachiisu.
Gama biraatiin Ona Fantaalleetti filannoo bara 2010 gaggeeffama jedhamuun wal qabatee basaasonnii fi poolisoonni sirna Wayyaanee gandoota onichaa 18 keessa bobbaafaman ummata mana hidhaatti geessaa jiran keessaa
- Dallalee Mi’eessoo fi
- Abdii Mi’eessoo
Kanneen jedhaman Oromoo hidhaman keessatti argamu.
********
Loon Oromoota Karrayyuu godina Shawaa bahaa ona Fantaalleetti dabballoonni Wayyaaneen saamame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 24,2009) Gabaasaan naannicha irraa nu dhaqqabe akka hubachiisutti godina Shawaa bahaa Ona Fantaalleetti Affaaronni loon Oromoota Karrayyuu bobbaa torba ykn kan warra torbaa saamaniiru.
Oromoonni Karraayyuu loon irraa samaame kunniinis loon isaanii deebifachuuf tattaaffii godhan illee, dabballoonni sirna Wayyaanee Affaarota tumsuun Oromoonni kunniin akka loon isaanii hin deeffanne ittisuu isaaniitu gabaafame.
Kanumaan wal qabatee Oromoonni naannoo Fantaallee horiin isaanii Affaarotaan duraa saamame, hiyyummaa hamaa keessaatti kufuu isaanii maddeen keenya dabaluun gabaasaniiru.
Dabballoonni sirna Wayyaanee Affaarota bira goranii ummata Oromoo irratti duulaa jiranis, kan Oromoo dha ofiin jedhan Muhaammad Bulaa, Wadaay Buubaa fi Haajii Hawaasaa kanneen jedhaman akka ta’e gabaasaa nu gahe irraa beekuun danda’ameera.
MOA