Ijoo Dubbii
(Ejjennaa ABO)
05-08-2009
Jireenyi gabrummaa ummata Oromoo irratti fe’ame ummata jireenya dhoorkatuun, rakkoo kana furuudhaaf yaaliin karaa nagaa sababa mootummoota Itoophiyaatiin gufachiifamuun, ummata Oromoo qabsoo hidhannoo fi siyaasaa gaggeessuun alatti filmaata biroo dhabsiisee, qabsoon hidhannoo fi siyaasaa Baha Oromiyaatti akka eegalu taasise. Qabsoon Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon hogganamu wayta qabsoo kana bu’ureessetti biyyoota ollaa abdatuu fi dubbee godhatuu irratti karoorfatuun hin turre. Kaayyoo of-irratti-hirkannoodhaan masakamuun ummata Oromoo, gaarreenii fi bosona Oromiyaa dubbee godhatuun qabsoo finiinse.
Oromiyaan biyyoota ollaa gara garaa qabaatuun ifaa dha. Haa tahu malee biyyootni olloa Oromiyaa garii kan ofiifuu Oromiyaa irratti ilaalcha addaa qaban tahuu fi, mirgi ummata Oromoo kabajamuu irraa kan hin gammadne tahuu irraa tumsii fi gargaarsi qabsoo bilisummaa Oromootiif qabaachaa turan gabaabaa ture. Gariin ammoo kabajamuun mirga Oromoo dubbii nutti dhalcha sodaa jedhuun ija shakkiin kan ilaalaa turan, har’as sodaa kana irraa hin qulqulloofne dha. Irraguddeessi olloota Oromoo kan tahanis kanneen waggoota muraasaan dura gargaarsi namoomaa biyya isaanii keessaan akka duubbee ABO dhaqqabuuf tumsa barbaachisu gochaa turanis hin dhibne. Haa tahu malee tumsi biyya ollaa kun kufaatii mootummaa Dargiin booda itti hin fufne. Waliigala Qabsoo Bilisummaa Oromoo waliin kan walqabateen gargaarsii fi tumsa biyyoota ollaa irraa ABOf godhamaa ture irraa shiraa fi hammeenya qabsoo kana irratti hojjatamaa turetu irra guddata yoo jedhame dhugaa irraa fagaatuu hin tahu.
ABOn furmaata nagaaf dursa kennuun kufaatii Dargiin booda murna amma aangoo irra jiru waliin hojjatuuf tattaafatuun hin dagatamu. Haa tahu malee murni aangoo dhuunfate kun afaaniin kabajamuu mirga ummatootaaf kan dhaabbatu fakkaatee dhihaataa, cunquraa fi saaminsa itti fufuun akeeka isaa tahuu irraa, waliin hojjatuun dadhabamuu irraa, murna kana irraa of fageessuun barbaachisaa tahe. Murni humnaan aangoo dhuunfate aangoo irra of tursuuf humnatti fayyadamuu murteeffatuun ammoo, qabsoon hidhannoo fi siyaasaa itti fufuu ammas murtii filmaata biroo hin qabne taasise. Akka kanaan Chaartaraan booda qabsoon hidhannoo fi siyaasaa ABOn durfamu akkuma kanaan duraa dubbee isaa ummataa fi biyya isaa godhatuun sochii isaa itti fufee har’a gahe. Mootummaan Wayyaanee hanga ABOn jirutti nagaan hin jiru kan jedhuun wayta duula bal’aa ABO fi ummata Oromoo irratti gaggeessuu eegale, ABO fi ummata Oromoo adda baafatuu hanqatuun isa mudatuun kan ifatti mul’ataa ture dha.
Kana irraayis ummata Oromoo mara diina godhatee bakkayyutti ajjeesaa, saamaa fi hidhaa hiraara dorgomaa hin qabne raawwatuun akeeka isaa fudhachiisuuf tattaafate. Ummata Oromoo biyya isaa keessa mirga isaa kabajsiifatee nagaan jiraatuu hawwu qofa osoo hin taane, daangaa tarkaanfatee Oromoo biyya ollaa qubatu osoo hin hafin diina godhatee tarkaanfii diinummaa irratti fudhataa akka ture haqa yeroo isaatti bal’inaan gabaafamaa ture dha.
Murni Wayyaanee ummatni Oromoo fi ABOn tokkicha tahuu irraa yaadda’ee fi abjuu WBOn dhabamsiisa jedhuun halkaniin dahatee, maqaa WBOtin sosso’uudhan eenyutu WBO deggeraa adda baafatuuf dhama’aa akka tures ni beekama. Tooftaan diinaa kun irratti dammaqamuu irraa bakka garaa isaa hin gahin hafee jireenyi WBO itti fufe. Wayyaaneen WBO qofa osoo hin taane Oromoon bakka jiru maratti akka nagaa hin arganne gochuun akeeka isaa ti. Kana irraas Oromoota roorroo irra gahu irraa biyyoota ollaatti baqatan nagaa akka hin arganneef miilla dheereffatee humna tikaa biyyoota ollaatti bobbaasuudhaan tarkaanfii ajjeechaa irratti fudhataa tureera.
Tarkaanfii seera- addunyaa cabse fudhataa ture cinaattis qondaalota tokko tokkoo fi lammiiwwan biyyoota olla dantaan ofitti qabuudhaan baqqataa Oromoo irratti akka roorrisanii fi qabanii akka deebisaniif gochuudhaan lubbuu Oromoota hedduu dhabamsiiseera. Biyyootni olla gariis seera addunyaa kabajuuf mallatteessan cabsuun baqataa Oromoo Wayyaaneen barbaadu qabanii deebisuun dhumaatii Oromoo irra gahe keessatti hirmaatan. Kanatti dabalees Wayyaaneen biyyoota ollaa irraa fageenya dheeraa deemuun biyyootni aangawoo ABO akka shororkeessaa tahetti akka fudhatan gochuuf yaalii ol aanaa godhe; haa tahu malee itti hin milkaa’in hafe.
Diinni ummata Oromoo ifaa fi dhoksaan shira adda addaa hojjataa har’a gahe tarkaanfiin fudhataa ture marti ABO fi QBO dhabamsiisuu kan hin dandeenye tahuun qabsoon mirkana tahuu irraa shira kan biraa xaxuutti seenee jira. Akkuma beekamu Keeniyaan ollaa Oromiyaa ti. Gama lachuu Oromoon ni qubata. Wal-keessas deema. Haalli bakka tokkoo yeroo hammaatutti gama isa kaanitti cehuun yerooo dabarfatuun naannoo kanatti haaraa miti. Haalli kun jiraachuu kan beekuu fi hubatu Wayyaaneen haala nagaa fi hariiroo ummata gidduu booressuuf bara 1994 irraa eegalee ABOn naannoo kana keessa akka sosso’uttii fi WBOn Keeniyaa dubbee godhatee lola irratti geggeessaa akka jirutti himatuu irra dabree, ummata Oromoo lammummaa Keeniyaa qabu irratti tarkaanfii diinummaa fudhataa akka ture haalli naannoo kanatti tahaa ture ni hubachiisa. Kunis diinummaan Wayyaanee, Oromoo Oromiyaa keessa qubatee jiru qofa osoo hin taane kan biyya ollaa keessa jiraatu kan dabalatu tahuu mirkaneesse.
Diinni ummata Oromoo kun daangaa biyya ollaa irra deddeebi’ee cabsuudhaan lammii Keeniyaa dhalootaan Oromoo mana waliin gubeera. Qabeenya ummataa barbadeessuu fi saamuutti dabalee, namoota fayyaaleyyii ukkaamsuun mana hidhaa isatti dabarfatuun irratti roorrisaa akka turetti beekama. Gama biraan iyyata Wayyaanee dharaa kana irratti hundaa’uudhaan waraanni biyya olla WBO daangaa isaa keessa jira jedhamu irratti sakattaa yeroo hedduu ofiin bahaa turetti dabalee sakattaa waloon geggeeffamaa tureen dharummaa iyyata Wayyaanee mirkaneeffate jennee abdanna.
Egaan himatnaan Wayyaanee waggoota dheeraa jalqabee dhihaataa ture hanga har’aatti mirkaneeffamuu fi ragaan utubamuu hanqatuun shira biraaf isa kakaaseera. Dhiheenya kana TVn biyya olla Keenyaa mata duree “WBO Keenyaa keessaa” jedhuun suuraa waraanaa agarsiisuun bal’ina isaa fuula duratti kan dhiheessu tahuu baallamatuun tamsaasa tokko daawwattoota isaan gahe. TVn kun suuraa WBO jechuun kan inni tamsaase eessaa akka dhufee fi akkamitti akka argame ABOf gaaffii dha. ABOn Keenyaa keessaa waraana qabaachaa hin turre. Hin qabus. QBO ABOn hogganamu sababni Keeniyaa duubbee godhatuuf hin jiru. Kanatti dabalees kanneen gaazexeessota ofiin jedhan akkamiin kan mootummaan biyya ollaa hin argin arguu danda’an? Waraanni maqaa WBOn waamamu kunoo daandii maalii fi qunnamtii eenyu waliin godhameen bira dhaqamee suuraa isaa kaafatuun danda’ame? gaaffiileen jedhan deebii argatuu qaban.
ABOn takkaahuu biyyoota ollaa akka duubbee isaatti itti fayyadamuun dhimma itti hin bane. Itti fayyadameera jedhama yoo tahes kan yeroo fagoo ti. Haalli wayta ammaa biyyoota olla keessatti mul’atus qabsoo Oromoof aanjaa akkanaa akka hin qabaatin eenyu iyyuu jalaa dhokataa taha jedhee ABOn hin amanu. Kana gahaatti kan ibsu haala hammeenyaa adda addaa baqattoota Oromoo roorroo biyya keessaa baqatuuf biyyoota ollaatti bahan irratti raawwatamaa turee fi jiru dha.
Daangaan Oromiyaa fi Keeniyaa, addatti ammo Keeniyaa keessatti horsiisee bultoota gidduu sababa hanqina dheedaa fi bishaanii irraa walitti bu’iinsi akka jiru hubatamaa dha. Kana irraas Oromoon Keeniyaa qubatee jiru nageenya isaa tikfatuuf akkuma gosoota kaanii hidhannoo akka qabutti beekama. Kanaan WBO jedhama yoo tahe mootummaan dhimmi ilaalu adda baafatu qaba. Kan kanaan alaa ABOn Keeniyaa keessaa kan waraana hin qabne tahuu hubachiisaa sochiin WBO Oromiyaa keessa tahuu mirkaneessa. Tamsaasi TV kunis kan ABOn quba hin qabne nagaa ummata Oromoo lammii Keeniyaa booressuuf kan hojjatame gochaa diinaa tahuu jabeessee hubachiisa.