(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 13, 2009) MannI Murtii Sirna Wayyaanee sabboontota Oromoo lama irratti jala murtii dabaa dabarsuun akka mana hidhaa Qaallitti galan ajajuun gabaasame.
Maddi Oduu ABO, MOAn, Finfinnee irraa akka gabaasetti, manni murtii wayyaanee dhaddechi 2ffaa Kibxata darbe jechuun Ebla 07, 2009 jala murtii Oromoota lama jechuunis Obbo Zallaqaa Kibabaw fi Shaalaqaa Jambaree Tasammaa irratti kenneen mirga wabii mulqamanii mana hidhaa Qaallittitti darbatamanii jiu.
Murtii dabaafi loogiin giitameen kan beekamu manni murtii olaana Waayyanee, dhaddachii 2ffaa kun, sabboontota Oromoo lameen irratti murtii dhumaa torban kana akka kennu illee beekameera. Sabboontoti kunneen, bara 2005 keessa FDG ka’een kan walqabate qabamanii mana hidhaa maa’ikalaawwii keessatti gidirsamaa turaniidha.
Hidhaafi hiraarsaa hedduu booda abbaan alangaa Wayyaanee himannaa mootummaa gargalchuuitti isaan irratti bane irraa wabiin kanneen bahanii ala irraa deddeebi’aa turaniidha. Manni murtii ajaja dabballoota wayyaaneen qajeelfamus, hiraarsaa waggaa afurii booda, adaba itti kennuuf jala murtii dabaa dabarsee jira.
Sabboontoti Oromoo mirga dhaloota isaanii sarbamuu mormatan kunneen seeraan ala hidhamuufi adabamuun dhumatuu kan qabuus diddaafi falmaanwaan ta’eef, sabboontoti Oromoo bakka jiran maratti diddaafi falmaa sirna wayyaanee irratti finiinsan daran akka jabeessanii itti fufan oduun walqabatee nu gahe ni hubachiisa.
MOA |