(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 26,2009) MOA akka gabaasanitti jaleen Wayyaanee OPDOn Godina I/A/Booraatti dargaggootaa fi barattoota Oromoo humnaan miseensa godhachuuf dhiibbaa adda addaa irraan geessisaa kan jiran oggaa ta’u, barattootnii fi dargaggootnis mormii qaban mul’ifachaa jiran.
Haaluma kanaan magaalaa Mattuu keessatti barattoota ogummaa fi tekinikaa miseensa isaanii taasifachuuf dabballoota isaanii manneen barmoota irra bobbaasanis barattootni diddaa qaban mul’isaa jiran.
Caamsaa 20,2009ttis dabballootni lukkee wayyaanee magaalaa Mattuutti dargaggoota Maayikroodhaan ijaaramanii jiran miseensa isaanii taasifachuuf yaalii kan godhaa jiran oggaa ta’u, mormiinis isaan mudateera.
Dargaggoota miseensummaa OPDO fudhachuu didan miseensummaa guuttan malee liqii argachuu hin dandeessan jechuun doorsisuuf yaalanis dargaggootni doorsisa lukkeeleef bakka akka hin kennin jiran oduun nu ga’e dabalee hubachiisa.
********
Maqaa ABO deeggartu je’uun duulli hidhaa sirni wayyaanee Godina Harargee Lixaa keessatti ummata nagaa irratti adeemsisu daran hammaate.
(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 26,2009)Mootummaan gabroomsaa wayyaanee ABO deeggartuu fi WBO nyaachiftu nutti argisiisaa maqaa je’uun milishoota isaa hujii gooltummaaf bobbaafamaniin Godina Harargee Lixaa keessatti ummata rakkisaa jira.
Haaluma kanaan namoota nagaa heddumminaan Godina Harargee Lixaa naannoolee akka Gabiibaa fi Bookee keessaa qabee bakka Kaampii Gabiibaa je’amtutti hidhee dararuu irratti argama. Oromoota yeroo ammaa Kaampii Gabiibaatti hidhamanii gidirfamaa jiran keessaa Muhammad Saanii, Hassanii fi Muhammad Jamaal kanneen je’aman keessatti argamu.
Barattoota manneen barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaas sababuma walfakkaatuun barumsa irraa ugguraa kan jiru wayta tahu, hidhattoota gandaa dhalootaan Oromoo tahanis isin ABO waliin jirtu shakkii je’u irraa ka’ee hidhuu akka eegaletu gabaafe.
MOA