Hayyu Dureen ABO J/Dawuud Ibsaa boobbaa Amerikaa kaabaatti godhaa turan itti fufuu dhaan toorban darbe Minnesota (Naanno Minneapolis fi St. Paul) keessatti Ummaata Oromoo waliin maree godhaan injifatnoon kan xumuran gaafa Hagayya 29, 2009 ture.
Jiilli ABO olaanaa kun kan HD fi Mataa Dame Dantaa Alaa J/Tamaam Yusuufiin geggeeffamu kan magaala lakkuu gale gaafa Hagayya 24, 2009 yeroo ta'u hawaasni Oromoo illillii fi Alabaa Oromootiin miidhagee Simmaanna Xayaaraa Minnepolis / St. Paul tti argamuu dhaan HD ABO J/Dawud Ibsaa bifa addaatin simatee. Dirreen Xiyyaaraa kun yeroo sanatti Alaabaa ABOtiin yeroo guutameetti warri biyyaa fi kanneen akkasuma karaa deeman akka aja'ibatti dinqisiifataa turan Walgahiin Hawaasa Oromoo waligala kan gaafa Adoolessa 29, 2009 geggeeffame hanga ga'utti HD fi mataan DDA ABO guyyootan Hagayya 25, 26, 27 fi 28 qaamota Caayaalee Dhaaba akkasummaas Waldaalee Maanguddootaa, Dubartootaa fi Dargaggootaa dabaree dhaan dubbisaa turan.
Itti dabalees Miseensota ABO Konyaalee sadeen Minnesota jiran waliin mareen adda kan ta'e gaafa Hagayya 28, 2009 geggeffaamee, qopheen Haawaasa guutummas haala itti qindaaweef Waltajjii mijeesuu dhaan xumurame.
Guyyaa Hagayya 29, 2009 Hawaasni Oromoo waamicha ABO fi Waltajji HDn ABO irratti argamu haalan eeggata ture yeroo fi bakka jedhamutti argamuu dhaan dhaamsa fi ibsa HD Adda Bilisumma Oromoo dhagahuu dhaaf battaluma mana guute. Ummatni lakkoopsaan dhibba shanii ol ta'u galma mana barnoota South High jedhamu kan Kibba Magaalaa Minneapolis keessatti argamu kan guute sirnaa fi hamileen dhaan HD ABO fi Mataa DDA ABO simatuun waltajjiin baname.
Qophii kana irratti Hawaasa Oromoo dabalatee Jiilli wa'illan keenya kan Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaden (ONLF) hoogganota olanoo isaniitiin durfamuu akka keessuummaa Kabajaatti hedduminaan argamuun qophee keenyaaf bifa ddaa kennee ture.
Waltajjii kana irratti Hoogganootaa ABO olaanoo kana erga simatneen booda akkasumas keessummota keenyas simachuu dhaan dhaamsaa fi mararfatnoo QBUO dhaaf qaban dabarfatuu dhaan Ummatni lachuu sirna Gabroomfata Wayyaanee of irra fonqolchuu dhaaf waliin hiriiruun alatti filmaata bira akka hin qabne akkeekkachisuun dhaamsa dabarfatani Waltajji Gara Qophii Guyyichaaf saganteeffammetti deebisan.
Qophiin kanatti aanee dhufee kan yeroo dheeraaf eegamaa ture ibsa HD ABO yeroo ta'u J/Dawud karaa Mataa DDA-ABO J/Tamam Yusufiin gara waltajjiitti afeeraman. J/Dawuud haasa, ibsaa fi yaadota haalan qalbi hawaasichaa gara hundee qabsoo Bilisummaa Oromootti harkisan bifa wal irraa hin citneen ummatichaaf dhiheessan. Ibsa kana giddu gidduutti harka dhahuu fi sagalee deggersaa mullisuun ibsa HD daqiiqotaaf addaa yeroo kutaa turetti galmichii deggersaa Haawasni Oromoo ABO fi qabu kan afaan baasee dubbatu fakkaata ture. Ibsi J/Dawwud adeemsaa qabsichaa, adeemsa Dhaaba, gufuulee keessaa fi alaan irratti aggamaataa turan fi akkasumas amma bakka ga'e irra gara kamitti tarkanfatuf xiyyeeffatee jira kan jedhu ballinaan kan hammate waa n tureef Hawaasni Oromoo Hamilee fi xiiqii dhaan guutamuu isaa deggersa fi mararfatnoo hoogganichaaf qabus calaqqisiisaa ture.
Bobbaan HD Minnesota keessatti geggeeffame bifa hundaan shakkii fi gaaffi Ummata Oromoo keessa deema ture yeroo dhumaatiif kan qulqulleesse fi yeroon kanaan booda kan gurmuun qabsaa'otaa fi deggertoota ABO harka wal qabatuu dhaan qabsicha gara galmaa isaan ga'uuf itti cichan akka ta'e kanneen qaamaan hirmaatanii fi fageenyaan hordofaa turanis mirkaneessani jiru.
Injifatnoon Minnesotaatti ta'e kun bifuma wal fakkaataa dhaan bobbaalee HDn sanaan dura Denver, Seattle, Columbus fi Atlantaattis gegeessan waliin wal fakkaata. Kan Minnesota adda godhu heddumina Hawaasaa Oromoo yeroo ta'u kana waliinis wal qabatee burjaajessitootii keesaa fi diinni alaas ABO fi qabsoo Ummata Oromoo irratti duulaa geggeessuf yeroo saganteeffatu xiyyeeffatnaan duraa Minnesota waan ta'eef injifatnoon kara ABO naannawa kanatti galmeeffamu injifatnoolee bakkoota biraattis ta'aniif hundee dha. Karaa kana bobbaan HD ABO dhibbaa dhibbatti akeeka isaa guuttachuu isaa Hawasichatu ragaa ba'a.
Egaa bobbaan seena qabeessi kun bara kana carraa argamsiseen mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ABOn hoogganamu yoomuu caala itichuu irratti qooda gudda gumaachee jira.
HDn ABO ammallee bobbaa kana itti fufuu dhaan Waltajji isaa dhumaa Hawaasa Oromoo Washington DC jiruuf gaafa Fulbaana 5, 2009 Magaalaa Washington DCtti erga geggeessaniin boodaa dhimmoota qaama Mootummaa Amerikaa fi Qaamota Mootummoota bira waliin qaban xumuratani gara naannawa gaanfa Afrikatti akka deebi'an Sagantaa isaani irra hubatamee jira.
Ammas irra deebine injifatnoo Minnesitaatti argatneef gamachuu keenya ibsaa Jaallan keenya Adunya mara jirtaan Qabsoo Bilisummaa Ummata Oromoo bakkaan ga'uuf kuttaannoon keenya dachaa dachaa akka ta'u dhaammatna.
***<:> ***
Injifatnoo Ummata Oromoof!
adaan Gadaa Bilisummaati!!
Konyaale ABO Minnesota (Konyaa Oromiyaa, Konyaa Minnesota fi Konyaa WBO)